Zabuuriiwwan61
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan miʼa ribuutiin faarfatame.
1Yaa Allaah, iyyata koo dhagaʼi;duʼaa koos dhaggeeffadhu.2Yeroo garaan koo citetti,ani handaara lafaatii sin waammadha;ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.3Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii;fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.4Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu,gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.5Yaa Allaah, ati wareega koo dhageesseertaatii;dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.6Bara jireenya mootii, umurii isaa illeedhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.7Innis fuula Allaaha duratti bara baraan haa moʼu;akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.8Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha;guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.Biblica, Inc.