Zabuuriiwwan80
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Zabuurii Asaaf.
1Yaa tiksee saba Israaʼel,kan akkuma bushaayeetti Yuusufin geggeessitu nu dhagaʼi;ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.2Fuula Efreem, Biniyaamii fi Minaasee durattihumna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.3Yaa Allaah, iddoo keenyatti nu deebisi;akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.4Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu,ati hamma yoomiitti duʼaa saba keetiitti aarta?5Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte;imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.6Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote;diinonni keenyas nutti qoosu.7Yaa Allaah Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi;akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.8Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde;ormootas ariitee muka sana dhaabde.9Mukichaafis lafa qopheessite;mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.10Tulluuwwan gaaddisa isaatiin,birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.11Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti,lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.12Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuuija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?13Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa;bineensi dirrees isa ni nyaata.14Yaa Allaah Waan Hunda Dandeessu, si duʼaa gara keenyatti deebiʼi!Shamaayʼun irraa gad ilaalii argi!Muka wayinii kana eegi;15mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha;biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.16Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera;sabni kees dheekkamsa keetiin bada.17Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra,ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.18Yoos nu sirraa hin garagallu;jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.19Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessuiddoo keenyatti nu deebisi;akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.Biblica, Inc.