Zabuuriiwwan79

Zabuurii Asaaf.

1Yaa Allaah, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru;mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru;Yerusaaleminis barbadeessaniiru.2Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif,reeffa garboota keetii allaattii shamaayʼuniitiif,foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.3Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemittiakkuma bishaanii dhangalaasan;namni isaan qabbaru tokko illee hin argamne.4Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera;warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.
5Rabbii Allaah, kun hamma yoomiitti?Ati hamma bara baraatti aartaa?Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?6Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti,mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti gad dhangalaasi;7isaan Yaaʼikuubin liqimsaniiruutii;iddoo jireenya isaas balleessaniiru.
8Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin;waan nu baayʼee gad deebifamneef,araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.9Yaa Allaah Fayyisaa keenya,ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;cubbuu keenya illee nuu dhiisi.10Ormoonni maaliif,“Allaahan isaanii eessa jira?” jedhu ree?Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf,akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.11Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu;jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.12Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan,dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.13Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii,bara baraan si jajanna;dhalootaa hamma dhalootaattis,galata kee ni odeessina.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3