Zabuuriiwwan7
Shiigaayoonni Daawud kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Biniyaamiif jedhee Rabbii Allaahaf faarfate.
1Yaa Rabbii Allaah ko, ani kooluu sitti nan gala;warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;2yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti,akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.3Yaa Rabbii Allaah ko, yoo ani waan kana godhee jiraadheyoo harka koo keessa yakki jiraate,4yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe,yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,5diinni koo ariʼee na haa qabatu;jireenya koo lafatti haa dhidhiitu;ulfina koos awwaara keessa haa buusu.6Rabbii Allaah aarii keetiin kaʼi;dheekkamsa diinota kootti kaʼi.Yaa Allaah koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.7Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu;atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.8Rabbii Allaahan sabootaaf murtii haa kennu.Rabbii Allaah, akka qajeelummaa kootiitti,akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.9Yaa Allaah qajeelaa,kan yaadaa fi garaa namaa qortu,fincila hamootaa balleessi;qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.10Gaachanni koo Allaaha;inni gara toleeyyii ni oolcha.11Allaahan abbaa murtii qajeelaa dha;inni Allaah guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.12Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate,inni goraadee isaa ni qarata;iddaa isaas dabsee qopheeffata.13Inni meeshaa nama ajjeesuqopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.14Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa;jalʼina garaatti baata; soba dhala.15Inni gad fageessee boolla qota;boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.16Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa;jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.17Qajeelummaa isaatiif Rabbii Allaah nan galateeffadha;maqaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.Biblica, Inc.