Zabuuriiwwan6
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Baganaadhaan faarfatamu. Zabuurii Daawud kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
1Rabbii Allaah aarii keetiin na hin ifatin;yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.2Naa gameeraatii yaa Rabbii Allaah naaf araarami;lafeen koos jeeqameeraatii yaa Rabbii Allaah na fayyisi.3Lubbuun koo akka malee jeeqameera;kun hamma yoomiitti? Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?4Rabbii Allaah, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;araara keetiif jedhiitii na fayyisi.5Namni duʼe si hin yaadatu.Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?6Ani aaduu kootiin bututeera.Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.7Iji koo gaddaan fajajeera;sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.8Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;Rabbii Allaahan sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.9Rabbii Allaahan waammata koo dhagaʼeera;Rabbii Allaahan duʼaa koo ni fudhata.10Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.Biblica, Inc.