Zabuuriiwwan68
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Allaahan haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan;warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.2Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi;akkuma gagaan ibidda duratti baqu,hamoonni fuula Allaaha duraa haa badan.3Qajeelonni garuu haa gammadan;fuula Allaaha durattis baayʼee haa gammadan;isaan gammachuudhaan haa ililchan.4Allaahaf faarfadhaa;faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;maqaan isaa Rabbii Allaah dha;fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.5Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe suniddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.6Allaahan warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa;warra hidhamanis mana hidhaatii baasa;finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.7Yaa Allaah, gaafa ati saba kee dura baate,gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,8fuula Allaaha, Allaah Siinaa duratti,fuula Allaaha, Allaah Israaʼel duratti,lafti ni raafamte; shamaayʼuniiwwanis bokkaa roobsan.9Yaa Allaah, ati bokkaa baayʼee roobsite;dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.10Sabni kee achi qubate;yaa Allaah, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte.11Gooftaan dubbii isaa kenne;dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:12“Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan;dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.13Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee,isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifameebaalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”14Yommuu Allaahan Waan Hunda Dandaʼumootota achitti bittinneessetti, Zalmoon irratti cabbiin buʼe.15Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa,yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,16yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu,ati maaliif tulluu Allaahan bulchuuf filate,iddoo Rabbii Allaahan bara baraan jiraatu sana hinaaffaadhaan ilaalta?17Gaariiwwan Allaaha kuma hedduu dha;isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti;Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.18Ati yommuu ol gubbaa baatettiboojuu baayʼee fudhate;yaa Rabbii Allaah, yaa Allaah, ati achi jiraachuuf jettee,namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.19Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,Allaahan Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.20Allaahan keenya Allaah fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunisRabbii Allaah Goofticha biraa dhufa.21Allaahan dhugumaan mataa diina isaa,gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii kan rifeensa qabu ni caccabsa.22Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida;tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;23kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf;arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”24Yaa Allaah, hiriirri kee mulʼateera;hiriirri Allaah kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.25Fuula duraan faarfattoota,dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture;dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.26Waldaa guddaa keessatti Allaah jajadhaa;yaaʼii Israaʼel keessattis Rabbii Allaah jajadhaa.27Biniyaam gosti xinnichi isaan dura deema;tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan;ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.28Yaa Allaah, humna kee ajaji;yaa Allaah keenya, akkuma duraan goote sana jabina kee nu argisiisi.29Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiifmootonni kennaa siif fidu.30Bineensota shambaqqoo keessaa,karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu.Warra meetii fidan gad deebisi.Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.31Ergamoonni Gibxi ni dhufu;Itoophiyaanis daftee harka ishee Allaahatti balʼifatti.32Yaa mootummoota lafaa, Allaah faarfadhaa;faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;33isa shamaayʼuniiwwan durii keessa gulufu,isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.34Allaah ulfinni isaa Israaʼel irra jiru,isa miidhaginni isaashamaayʼuniiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.35Yaa Allaah, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha;Allaahan Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna.Allaahan haa eebbifamu!Biblica, Inc.