Zabuuriiwwan67

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Zabuurii.

1Allaahan garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus;fuula isaas nurratti haa ibsu;2kunis akka karaan kee lafa irratti,fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
3Yaa Allaah, saboonni si haa jajatan;saboonni hundii si haa jajatan.4Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf,saboota lafa irraas waan geggeessituuf,saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.5Yaa Allaah, saboonni si haa jajatan;saboonni hundii si haa jajatan.
6Lafti midhaan kenniteerti;Allaah, Allaahan keenyas nu eebbiseera.7Allaahan nu eebbiseera;handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3