Zabuuriiwwan57

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Zabuurii Daawud. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate.

1Na maari; yaa Allaah na maari;lubbuun koo sitti kooluu galtiitii.Anis hamma balaan darbutti,gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
2Ani gara Allaah Waan Hundaa Oliitti,gara Allaah haaloo naa baatuutti nan iyya.3Inni shamaayʼun irraa ergee na oolcha;warra akka malee na ariʼan ni ifata;Allaahan jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
4Ani leencota gidduun jira;ani bineensota nama nyaatan,namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaakanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
5Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan;lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti.Isaan karaa koo irratti boolla qotan;garuu isaanumattu keessatti kufe.
7Yaa Allaah, garaan koo hin raafamu;garaan koo hin raafamu;ani nan faarfadha; nan weeddisas.8Yaa lubbuu ko, dammaqi!Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!Anis ganamaan nan dammaqa.
9Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.10Jaalalli kee guddaa dha; shamaayʼuniiwwanis gaʼaatii;amanamummaan kees shamaayʼuniiwwan qaqqaba.
11Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3