Zabuuriiwwan56

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Zabuurii Daawud. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate.

1Yaa Allaah na maari;diinonni koo akka malee na ariʼu;guyyaa guutuus na cunqursu.2Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu;namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
3Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.4Allaah ani dubbii isaa jajadhu,Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
5Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru;na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.6Isaan ni mariʼatu; ni riphus;lubbuu koo galaafachuuf jedhaniitarkaanfii koo eeggatu.7Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin;yaa Allaah, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
8Gadadamu koo galmeessi;imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;isaan galmee kee keessa jiru mitii?9Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti,diinonni koo dugda duuba deebiʼu.Anis kanaan akka Allaahan na wajjin jiru beeka.
10Allaah ani dubbii isaa jajadhu,Rabbii Allaahan ani dubbii isaa jajadhu,11Allaah nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.Namni maal na gochuu dandaʼa?
12Yaa Allaah wareegni kee narra jira;aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.13Akka ani fuula Allaaha dura,ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,ati lubbuu koo duʼa jalaa,miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3