Zabuuriiwwan4
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan Baganaadhaan Faarfatamu.
1Yaa Allaah qajeelumma kootii,yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni.Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi;araara kee naa buusi; duʼaa koos dhagaʼi.2Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu?Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?3Isin akka Rabbii Allaahan warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa;Rabbii Allaahan yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.4Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa;yommuu siree keessan irra jirtanitti,garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.5Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa;Rabbii Allaahas amanadhaa.6Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha;yaa Rabbii Allaah, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.7Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa,ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.8Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas;yaa Rabbii Allaah si qofatu,sodaa malee na jiraachisaatii.Biblica, Inc.