Zabuuriiwwan3

Zabuurii Daawud yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.

1Rabbii Allaah, diinonni koo akkam baayʼatu!Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!2Namoonni baayʼeen, “Allaahan isa hin baraaru” jedhaniiwaaʼee koo dubbatu.
3Rabbii Allaah, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.4Ani guddisee Rabbii Allaahatti nan iyyadha;innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
5Ani nan ciisa; nan rafas;waan Rabbii Allaahan ol na qabuuf nan dammaqa.6Saba kumaatama qixa hundaankaʼee na marse ani hin sodaadhu.
7Rabbii Allaah kaʼi!Yaa Allaah koo na baraari!Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;ilkaan hamootaa illee caccabsi.
8Fayyinni kan Rabbii Allaah ti.Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3