Zabuuriiwwan21

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, mootiin jabina keetti baayʼee gammada.Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
2Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta;duʼaa afaan isaas isa hin dhowwanne.3Ati eebba guddaadhaan isa simatte;gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.4Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef;bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.5Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe;atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.6Ati eebba bara baraa kenniteef;akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.7Mootichi Rabbii Allaah amanataatii;sababii jaalala Allaah Waan Hundaa Oliikan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
8Harki kee diinota kee hunda ni qabata;harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.9Yeroo mulʼachuu keetiitti,akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota.Rabbii Allaahan dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa;ibiddis isaan fixa.10Ati sanyii isaanii lafa irraa,ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.11Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan,yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.12Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti,akka isaan baqatan gootaatii.
13Rabbii Allaah, jabina keetiin ol ol jedhi;nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3