Zabuuriiwwan20

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1Guyyaa rakkinaatti Rabbii Allaahan deebii siif haa kennu;maqaan Allaah Yaaʼikuubis si haa eegu.2Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.3Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.4Hawwii garaa keetii siif haa kennu;karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.5Yommuu ati moʼattutti ililchineemaqaa Allaah keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna.Rabbii Allaahan waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.
6Ani akka Rabbii Allaahan dibamaa isaa fayyisu amma beeka;Allaahan humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaanshamaayʼun isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.7Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;nu garuu maqaa Rabbii Allaah keenyaa amananna.8Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;jabaannees ni dhaabanna.9Rabbii Allaah, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni!Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3