Zabuuriiwwan146
1Haalleluuyaa.Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah galateeffadhu.2Ani bara jireenya koo guutuu Rabbii Allaah nan galateeffadha;ani hamman jirutti Allaahaf nan faarfadha.3Abdii keessan bulchitoota irra,namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.4Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu;guyyuma sanas karoorri isaanii bada.5Namni gargaarsi isaa Allaah Yaaʼikuub taʼe, kan abdiin isaasRabbii Allaah isaa taʼe eebbifaa dha.6Rabbii Allaahan Uumaa shamaayʼunii fi lafaa,galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti;inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.7Inni warra cunqurfamaniif ni mura;warra beelaʼaniif nyaata kenna.Rabbii Allaahan warra hidhaman illee ni hiika;8Rabbii Allaahan jaamotaaf agartuu ni kenna;Rabbii Allaahan warra gad deebiʼan ol qaba;Rabbii Allaahan qajeeltota ni jaallata.9Rabbii Allaahan alagaadhaaf eegumsa ni godha;ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fidubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa;karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.10Rabbii Allaahan bara baraan ni moʼa;Yaa Xiyoon, Allaahan kee dhaloota hundaaf mootii taʼa.Haalleluuyaa.
Biblica, Inc.