Zabuuriiwwan145
Zabuurii Daawud.
1Yaa Allaah koo Mooticha, ani sin leellisa;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.2Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.3Rabbii Allaahan guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.4Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.5Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu;anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.6Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;anis guddina kee nan labsa.7Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.8Rabbii Allaahan arjaa fi gara laafessa;inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.9Rabbii Allaahan, nama hundaaf gaarii dha;inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.10Rabbii Allaah, hojiin kee hundinuu si galateeffata;qulqulloonni kees si leellisu.11Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;waaʼee humna keetiis ni dubbatu;12kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.13Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.Rabbii Allaahan dubbii isaa hundaan amanamaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.14Rabbii Allaahan warra kufan hunda ol qaba;warra gad qabaman hundas ni kaasa.15Iji nama hundaa si eeggata;atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.16Ati harka kee balʼifteefedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.17Rabbii Allaahan karaa isaa hundaan qajeelaa dha;hojii isaa hundaanis arjaa dha.18Rabbii Allaahan warra isa waammatan hundatti,warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.19Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;duʼaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.20Rabbii Allaahan warra isa jaallatan hunda ni eega;jalʼoota hunda garuu ni balleessa.21Afaan koo Rabbii Allaah galateeffachuudhaan ni dubbata.Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sanabara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.Biblica, Inc.