Zabuuriiwwan135

1Haalleluuyaa.Maqaa Rabbii Allaah jajadhaa;isin garboonni Rabbii Allaah isa galateeffadhaa.2Isin warri mana Rabbii Allaah keessa,oobdii mana Allaah keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
3Rabbii Allaahan gaariidhaatii, Rabbii Allaah galateeffadhaa;inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.4Rabbii Allaahan Yaaʼikuubin ofii isaatiif,Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
5Ani akka Rabbii Allaahan guddaa taʼe,akka Gooftaan keenya waaqeffatamtoota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.6Rabbii Allaahan shamaayʼuniiwwan keessattii fi lafa irratti,galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti,waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.7Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha;bokkaa wajjin balaqqee erga;gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
8Inni hangafoota Gibxi,kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.9Yaa Gibxi, inni gidduu keetti,Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.10Inni saboota baayʼee dhaʼeemootota jajjaboo ajjeese;11Sihoon mootii warra Amoorotaa,Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;12lafa isaanii dhaala godheeakka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
13Rabbii Allaah, maqaan kee bara baraan jiraata;yaa Rabbii Allaah, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.14Rabbii Allaahan saba isaatiif ni falma;tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
15Waaqeffatamtoonni tolfamoon namoota ormaa meetii fiwarqee harka namaatiin hojjetamanii dha.16Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;17gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.18Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundiakkuma isaanii taʼu.
19Yaa mana Israaʼel Rabbii Allaah eebbisaa;yaa mana Haaruun Rabbii Allaah eebbisaa;20yaa mana Lewwii Rabbii Allaah eebbisaa;isin warri isa sodaattanis, Rabbii Allaah eebbisaa.21Rabbii Allaahan inni Yerusaalem keessa jiraatu sun,Xiyoon irraa haa eebbifamu.Haalleluuyaa!

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3