Zabuuriiwwan118
1Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;jaalalli isaa bara baraan jiraata.2Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaabara baraan jiraata” haa jedhu.3Manni Haaruunis,“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.4Warri Rabbii Allaah sodaatan,“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.5Dhiphina koo keessatti ani Rabbii Allaahatti nan iyyadhe;innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.6Rabbii Allaahan na wajjin jira; ani hin sodaadhu;namni maal na gochuu dandaʼa?7Rabbii Allaahan na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.Anis diinota koo nan moʼadha.8Nama amanachuu irra,Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.9Qondaaltota amanachuu irra,Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.10Saboonni hundinuu na marsan;ani garuu maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.11Isaan karaa hundaan na marsan;ani garuu maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.12Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;anis maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.13Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;Rabbii Allaahan garuu na gargaare.14Rabbii Allaahan jabina kootii fi faarfannaa koo ti;inni fayyina koo taʼeera.15Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanotaqajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;“Harki Rabbii Allaah kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!16Harki Rabbii Allaah kan mirgaa ol qabameera;harki Rabbii Allaah mirgaa waan jabaa hojjeteera!”17Ani nan jiraadha malee hin duʼu;waan Rabbii Allaahan hojjetes nan labsa.18Rabbii Allaahan jabeessee na adabeera;garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.19Karra qajeelummaa naa banaa;anis ol galee Rabbii Allaahaf galata nan galcha.20Kun karra Rabbii Allaaha,kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.21Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;ati fayyina naa taateerta.22Dhagaan ijaartonni tuffatan,dhagaa golee taʼeera;23Rabbii Allaahan waan kana hojjeteera;kunis ija keenyatti dinqii dha.24Guyyaan kun guyyaa Rabbii Allaah uumee dha;kottaa ni ililchina; itti gammannas.25Rabbii Allaah, si duʼaa nu oolchi;Rabbii Allaah, si duʼaa nu milkoomsi.26Kan maqaa Rabbii Allaahatiin dhufu eebbifamaa dha.Nu mana Rabbii Allaah keessaa isin eebbifna.27Rabbii Allaahan Allaaha dha;ifa isaas nuu irratti ibseera.Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.28Ati Allaah koo ti; ani sin galateeffadha;ati Allaah koo ti; anis sin leellisa.29Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Biblica, Inc.