Miikiyaas3

Hooggantoonnii fi Nabiiʼiyyoonni Balaaleffataman

1Ergasii ani akkanan jedhe;“Isin hooggantoonni Yaaʼikuub,bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa.Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?2Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan,warri saba koo irraa gogaa,lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,3warri foon saba koo nyaattan,kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan,isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fiokkoteetti affeelamuu isaan ciccirtanmurtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
4Ergasii isaan Rabbii Allaahatti iyyatu;inni garuu deebii hin kennuuf.Yeroo sanatti inni sababii cubbuuisaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
5Rabbii Allaahan akkana jedha:“Waaʼee nabiiʼiyyootasaba koo karaa irraa jalʼisanii,yoo namni tokko nyaata kenneefisaan ‘Nagaa’ labsu;yoo inni akkas gochuu baate immoolola isatti kaasuuf qophaaʼu.6Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan,utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa.Aduun nabiiʼiyyootatti dhiiti;guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.7Ilaaltonni ni qaanaʼu;warri hooda dubbatanis ni salphifamu.Sababii deebiin tokko iyyuu Allaah biraa hin dhufneefisaan hundi fuula haguuggatu.”
8Ani garuu Yaaʼikuubitti balleessaa isaa,Israaʼelittis cubbuu isaa himuufhumnaan guutameera;Hafuura Rabbii Allaahatiinmurtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.9Isin hooggantoonni mana Yaaʼikuubbulchitoonni mana Israaʼelwarri murtii qajeelaa tuffattaniiwaan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;10warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin,hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.11Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu;luboonni ishee gatiidhaan barsiisu;nabiiʼiyyoonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu.Taʼus isaan Rabbii Allaahatti irkatanii,“Rabbii Allaahan gidduu keenya jira mitii?Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.12Kanaafuu sababii keessaniif,Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti;Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati;gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3