Miikiyaas2
Karoora Namaatii fi Karoora Allaah
1Warra daba karoorfatankanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo!Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruufisaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.2Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu;manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu.Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa,dhaala isaas ni fudhatu.3Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha;“Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokkosaba kanatti fiduuf karoorfadheen jira.Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan;yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.4Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu;akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu;‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra;qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera.Inni narraa fudhata!Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ”5Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illeewaldaa Rabbii Allaah keessaa hin qabaattu.Nabiiʼiyyoota Sobaa
6Nabiiʼiyyoonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa;waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa;salphinni nutti hin dhufu” jedhu.7Yaa mana Yaaʼikuub, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa?Hafuurri Rabbii Allaah obsa hin qabuu?Inni waan akkasii ni hojjetaa?”“Nama karaan isaa qajeelaa taʼeefdubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?8Sabni koo akka diinatti kaʼeera.Isin namoota yaaddoo malee achiin darbankanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.9Isin dubartoota saba kootiimanneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu.Eebba koos bara baraanijoollee isaanii irraa fudhattu.10Kaʼaatii asii deemaa!Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti;isheen xurooftee diigamtee baddeerti.11Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee,‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fidhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe;inni nabiiʼiyyii saba kanaa taʼa!Furamni Waadaa Galame
12“Yaa Yaaʼikuub, ani dhugumaanisin hunda walitti nan qaba;ani hambaa Israaʼel walitti nan fida.Ani akkuma hoolota gola keessaatti,akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida;lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.13Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema;isaan cabsanii karraan baʼu.Mootiin isaanii isaan dura baʼa;Rabbii Allaahan fuula isaanii dura deema.”Biblica, Inc.