Yuunuus2
Duʼaa Yuunuus
1Yuunuus garaa qurxummii keessaa Rabbii Allaah, Allaah isaa duratti duʼaa godhate.2Innis akkana jedhe:“Ani rakkina koo keessatti Rabbii Allaah waammadhe;innis deebii naaf kenne.Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye;atis iyya koo naaf dhageesse.3Ati tuujubatti,garaa galaanaatti gad na darbatte;lolaanis na marse;dambalii fi dhaʼaan keehundinuu narra garagalan.4Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera;taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetiiqulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.5Bishaanonni na haguugan;tuujubni immoo na marse;aramaan galaanaas mataatti na marame.6Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame;balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame.Yaa Rabbii Allaah ko,ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.7“Rabbii Allaah, yeroo lubbuun koo dadhabdettiani sin yaadadhe;duʼaan koos gara keegara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.8“Warri waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichanaraara Allaaha irraa garagalu.9Ani garuu zabuurii galataatiinaarsaa siif nan dhiʼeessa.Ani wareegan wareege sanas nan baasa.Anis, ‘Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ ” nan jedha.10Rabbii Allaahanis qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yuunuusin tufe.Biblica, Inc.