Yuunuus1
Yuunuus Rabbii Allaah Duraa Baqate
1Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Yuunuus ilma Amitaayi dhufe:2“Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi.”3Yuunuus garuu Rabbii Allaah duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Rabbii Allaahan duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.4Rabbii Allaahan bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe.5Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqeffatamaa isaanii tolfamaatti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan.Yuunuus garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe.6Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, “Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqeffatamaa kee tolfamaa waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii” jedheen.7Warri doonii oofanis, “Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii” waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yuunuus irra buʼe.8Kanaafuu isaan, “Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?” jedhanii isa gaafatan.9Innis, “Ani Ibricha Rabbii Allaah, Allaah isa Shamaayʼunii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise.10Wanni kun isaan sodaachisnaan, “Ati maal goote?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni Rabbii Allaah duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan.11Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, “Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.12Innis, “Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka” jedhee deebise.13Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye.14Kana irratti isaan, “Rabbii Allaah, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Rabbii Allaah ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin” jedhanii gara Rabbii Allaahatti iyyatan.15Akkasiin Yuunuusin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe.16Kana irratti namoonni sun akka malee Rabbii Allaah sodaatanii aarsaa Rabbii Allaahaf dhiʼeessan; wareegas wareeganiif.17Rabbii Allaahan garuu akka inni Yuunuusin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yuunuusis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture.
Biblica, Inc.