Ermiyaas51

1Rabbii Allaahan akkana jedha:“Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatuttibubbee waa balleessu nan kaasa.2Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniiformoota Baabilonitti nan erga;isaan gaafa badiisa ishee,karaa hundaanuu isheen mormu.3Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin,yookaan miʼa lolaa hin hidhatin.Dargaggoota ishee hin baasinaa;loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.4Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu;daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.5Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel durattiyakkaan guutamtee jiraatte iyyuuAllaahan isaanii, Rabbii Allaahan Waan Hunda DandaʼuIsraaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.
6“Baabilon keessaa baqadhaa!Lubbuu keessan oolfadhaa!Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa.Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Allaaha ti;innis gatii isheef malu ni kennaaf.7Baabilon harka Rabbii Allaah keessatti xoofoo warqee turte;isheen guutummaa lafaa ni macheessite.Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan;kanaafuu amma maraataniiru.8Baabilon akkuma tasaakuftee caccabdi; isheef booʼaa!Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii;tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.
9“ ‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra;isheen garuu fayyuu hin dandeessu;kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifneegara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu;murtiin ishee hamma shamaayʼuniitti ol baʼee,hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’
10“ ‘Rabbii Allaahan qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera;kottaa, waan Rabbii Allaahan keenya hojjeteXiyoon keessatti haa odeessinu.’
11“Xiyya qaradhaa;gaachana illee fudhadhaa!Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeefRabbii Allaahan mootota Meedee kakaaseera.Rabbii Allaahan haaloo ni baʼa;mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.12Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa!Eegumsa jajjabeessaa;eegduu dhaabaa;warra riphee eeggatu qopheessaa!Rabbii Allaahan kaayyoo isaawaan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.13Ati kan bishaan baayʼee qabdu,kan qabeenyaanis badhaate,dhumni kee dhufeera;yeroon ati itti baddu gaʼeera.14Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera:Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa sitti gad dhiisa;isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.
15“Inni humna isaatiin lafa uume;ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;hubannaa isaatiinis shamaayʼuniiwwan diriirse.16Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni shamaayʼun ni huursu;inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.Bokkaa wajjin balaqqee ni erga;mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
17“Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqeffatamtoota tolfamoo isaatiin qaaneffama.Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.18Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti;yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.19Inni qooda Yaaʼikuub taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;inni uumaa waan hundumaa ti;Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;maqaan isaas Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha.
20“Ati bokkuu koo kan duulaamiʼa lolaa kootii ti;ani siin saboota nan caccabsa;siin mootummoota nan barbadeessa;21Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa;siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;22ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa;siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa;siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;23ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa;siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa;siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.
24“Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha Rabbii Allaahan.25“Yaa tulluu barbadeessaa,ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera;ani harka koo sitti nan kaafadha;ededa irraa gad gangalcheetulluu gubamaa sin godha”jedha Rabbii Allaahan.26“Waan ati bara baraan ontuuf,kattaan dhagaa golee taʼu,yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu”jedha Rabbii Allaahan.
27“Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa!Saboota gidduuttis malakata afuufaa!Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa;mootummoota Araaraat,kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa.Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa;fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.28Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis,mootota Meedeebulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda,biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.29Sababii wanni Rabbii Allaahanakka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneefbiyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sunjabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.30Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru;isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru.Jabinni isaanii dhumeera;isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru.Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera;danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.31Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamtemootii Baabilonitti himuuf,fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf,malaʼikkaan tokkos malaʼikkaa kaan qaqqabuuf fiiga;32kunis akka malkaan qabame,akka daʼannoowwan ishee gubamanii fiakka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.”
33Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha:“Intalli Baabilon akkuma oobdii ti;yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti;yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.”
34“Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera;inni barbadeesseera;akkuma okkotee duwwaa na godhe.Inni akkuma jawwee na liqimse;qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate;ergasii immoo na tufe.”35Jiraattonni Xiyoon,“Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan.Yerusaalemis, “Dhiigni keenyawarra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti.
36Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha:“Kunoo, ani dubbii kee siif falmeehaaloo siifin baʼa;ani galaana ishee nan gogsa;burqaa ishee illee nan kuta.37Baabilon tuullaa diigame,iddoo waangoonni keessa burraaqan,waan naasuutii fi qoosaa,lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.38Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada;isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.39Yommuu dhagni isaanii hoʼutti,ani akka isaan kolfaa gammadaniibara baraan rafanii hin dammaqneefcidha isaaniif qopheesseeakka isaan machaaʼan nan godha”jedha Rabbii Allaahan.40“Ani akka ilmoolee hoolaa,akkuma korbeeyyii hoolaatii fireʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.
41“Sheeshaak akkamitti boojiʼamti!Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame!Baabilon saba gidduuttiakkam waan sodaa taati!42Baabilon irra galaanni garagala;dambaliin galaanaas ishee haguuga.43Magaalaawwan ishee onaniibiyya gogaa fi gammoojjii,biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne,kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.44Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba;waan inni liqimse illee nan tufsiisa.Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan;dallaan Baabilonis ni jiga.
45“Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa!Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa!Dheekkamsa Rabbii Allaah sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.46Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamuttigaraan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin;akka gooliin biyya keessa jiru,akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu,oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.47Yeroon ani itti waaqeffatamtoota Baabilon tolfamoo adabudhugumaan ni dhufaatii;biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti;qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.48Ergasii shamaayʼunii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis,gammadanii Baabilonitti ililchu;barbadeessitoonni kaabaa baʼaniiishee waraanuutii”jedha Rabbii Allaahan.
49“Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundisababii Baabiloniif harcaʼan sanaBaabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.50Isin warri goraadee jalaa miliqxan,deemaa; lafa irra hin harkifatinaa!Biyya fagootti illee Rabbii Allaah yaadadhaa;waaʼee Yerusaalemis yaadaa.”
51“Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaamana Rabbii Allaahatti qalaniif,nu salphifamneerra;waan arrabsamneefisqaaniidhaan fuula keenya haguugganne.”
52“Garuu barri ani itti,waaqeffatamtoota ishee tolfamoo adabuu fiyeroon guutummaa lafa ishee irrattiwarri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha Rabbii Allaahan.53“Yoo Baabilon shamaayʼuniitti ol baateedaʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu,ani warra ishee barbadeessan itti nan erga”jedha Rabbii Allaahan.
54“Baabilonii iyyi,lafa Baabilonotaatii immoosagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.55Rabbii Allaahanis Baabilonin ni barbadeessa;inni waca ishee ni calʼisiisa,dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa;sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.56Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa;gootonni ishee ni qabamu;futtaaftuun isaaniis ni caccaba;Rabbii Allaahan, Allaah haaloo baʼuudhaatii;inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.57Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee,akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa;isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,”jedha mootichi maqaan isaa Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun.
58Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;“Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga;karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu;namoonni akkasumaan of dadhabsiisu;dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
59Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Nabiiʼiyyichi isaaf kenne kanaa dha.60Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture.61Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin.62Akkanas jedhi: ‘Rabbii Allaah, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’63Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu.64Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’ ”

Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3