Hooseʼaa2
1“Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa.
Adabamuu fi Haaromfamuu Israaʼel
2“Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa;isheen niitii koo mitiitii;anis dhirsa ishee miti.Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu;amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.3Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baaseeakkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa;akkuma gammoojjii ishee nan godha;lafa goggogaatti ishee nan geeddara;dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa.4Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif,ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu.5Haati isaanii amanamummaa dhabdeekaraa salphinaatiin isaan ulfoofte.Isheen, ‘Ani warra na jaallatu,warra nyaata koo fi bishaan koo,warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame,warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennanduukaa nan buʼa’ jette.6Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa;akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara.7Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu;isaan barbaaddi; garuu hin argitu.Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraagara dhirsa kootti nan deebiʼa;amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti.8Isheen akka ani midhaan,daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne,meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessaniskan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne.9“Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo,daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti irraa nan fudhadha.Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetamekanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis amma ishee irraa nan fudhadha.10Ani amma ijuma michoota ishee durattiaddaggummaa ishee nan saaxila;namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu.11Ani ayyaana ishee hunda jechuunis,ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa,ayyaana ishee kan Sanbataatii fiayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa.12Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu isheekan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa.Ani daggala isaan nan godha;bineensi bosonaa isaan dheeda.13Ani guyyoota isheen ittiBaʼaalii fi ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba;isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiinof miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte”jedha Rabbii Allaahan.14“Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba;gara lafa gammoojjiitti ishee geesseejaalalaan itti nan dubbadha.15Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf;Sulula Aakooris balbala abdii nan godha.Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti,akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti.16“Ati gaafa sana” jedha Rabbii Allaahan;“ ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta;ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu.17Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa;maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu.18Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota shamaayʼun wajjin,uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjinisaaniif kakuu nan gala.Ani akka isin nagaadhaan bultaniifxiyya, goraadee fi waraanalafa irraa nan balleessa.19Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha;ani qajeelummaa fi dhugaadhaanjaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha.20Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha;atis Rabbii Allaah ni beekta.”21Rabbii Allaahan akkana jedha;“Ani gaafas deebii siif nan kenna;ani shamaayʼuniif deebii nan kenna;shamaayʼuniinis lafaaf deebii ni kenna;22laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fizayitiif deebii kenniti;isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu.23Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha;ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha.Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha;isaanis, ‘Ati Allaah koo ti’ naan jedhu.”Biblica, Inc.