Ermiyaas45
Dhaamsa Baarukitti Ergame
1Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas nabiiʼiyyichi Baarukitti himes kanaa dha:2“Yaa Baaruk, Rabbii Allaahan Israaʼel akkana siin jedha:3ati, ‘Anaaf wayyoo! Rabbii Allaahan dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette.4Rabbii Allaahan akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Rabbii Allaahan akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa.5Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Rabbii Allaahan.’ ”Biblica, Inc.