Isaayyaas8
Isaayyaasii fi Ijoollee Isaa
1Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; “Gabatee guddaa tokko fuudhiitii isa irratti, ‘Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz’ jedhii qubee beekamaadhaan barreessi.”2Anis akka isaan dhuga baatota amanamoo taʼaniif Uuriyaa lubichaa fi Zakariyaa ilma Yeberekiyaa nan waammadha.3Anis nabiiʼiyyittii bira nan gaʼe; isheenis ulfooftee ilma deesse. Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; “Maqaa isaa Maheer-Shaalaal-Haash-Baaz jedhii moggaasi.4Utuu mucaan kun ‘Aabboo’ yookaan ‘Aayyoo’ jechuu hin beekin dura qabeenyi Damaasqootii fi boojuun Samaariyaa mootii Asooriin fudhatama.”5Rabbii Allaahan ammas akkana jedhee natti dubbate:6“Sabni kun bishaan Shilooʼaakan suuta yaaʼu sana dhiiseeReziinii fi ilma Remaaliyaattigammadeeraatii;7kanaafuu Gooftaan,lolaa guddaa kan laga Efraaxiis jechuunis mootii Asoorulfina isaa hunda wajjin saba kanatti fida.Lolaan sunis guutee boʼoo isaa irra yaaʼeeededa isaa hunda irra dhangalaʼa.8Lolaan sunis hamma morma gaʼutti guutee irra dhangalaʼeekeessa darbuudhaan waan hundumaa haxaaʼee Yihuudaatti geessa.Yaa Amaanuʼel! Qoochoon isaa balʼifamee guutummaa biyya keetii ni haguuga.”9Yaa saboota, burkutaaʼaa!Isin warri biyya fagoo jirtan hundi dhaggeeffadhaa.Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!Waraanaaf hidhadhaa; taʼus burkutaaʼaa!10Mariʼadhaa; garuu faayidaa hin qabu;karoorfadhaa; garuu fiixaan hin baʼu;Allaahan nu wajjin jiraatii.11Rabbii Allaahan harka isaa jabaa sanaan natti dubbatee akka ani karaa saba kanaa irra hin deemneef akkana jedhee na akeekkachiiseeraatii:12“Isin waan uummanni kun fincila jedhuhundaan fincila hin jedhinaa;waan isaan sodaatan hin sodaatinaa;hin raafaminaa.13Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu tokkicha;kan isin sodaachuu qabdan isuma;kan isin hollachuufii qabdanis isuma.14Inni iddoo qulqulluu taʼa;manneen Israaʼel lamaaniif garuuinni dhagaa nama gufachiisu,kattaa nama kuffisu taʼa.Saba Yerusaalemitti garuuinni kiyyoo fi futtaasaa taʼa.15Hedduun isaanii ni gufatu;isaan kufanii caccabu;futtaasaa seenanii qabamu.”16Dhuga baʼumsa kana walitti qabsiisi;seera kanas barattoota koo gidduutti chaappaadhaan cufi.17Rabbii Allaah mana Yaaʼikuub duraafuula isaa dhokfate sana nan eeggadha.Ani isa nan amanadha.18Anii fi ijoolleen Rabbii Allaahan naa kenne kunoo ti. Nu Israaʼel keessatti Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu kan Tulluu Xiyoon irra jiraatu sanaaf mallattoo fi fakkeenya.Dukkanni Ifatti Jijjiirama
19Yommuu namni tokko dhaqaatii ilaaltootaa fi eker dubbistoota kanneen hasaasanii fi guunguman waa gaafadhaa isiniin jedhutti sabni tokko Allaah isaa gorsa gaafachuu hin qabuu? Isaan waaʼee jiraattotaa maaliif warra duʼan gaafatu?20Akka seeraa fi dhuga baʼumsa sanaatti jiraadhaa! Isaan yoo akka dubbii kanaatti dubbachuu baatan ifa barii hin qaban jechuu dha.21Isaan rakkina guddaa fi beelaan biyya keessa jooru; yommuu beelaʼanittis akka malee aaranii, ol ilaalanii mootii isaaniitii fi Allaah isaanii abaaru.22Ergasiis gara lafaa ilaalanii rakkina guddaa, dukkanaa fi hurrii sodaachisaa argu; isaanis dukkana hamaatti darbatamu.Biblica, Inc.