Keessa Deebii7

Saboota Ormaa Ariʼanii Baasuu

1Yommuu Rabbii Allaahan kee biyya ati dhaaluuf itti galaa jirtu kanatti si fidee saboota hedduu jechuunis Heetota, Girgaashota, Amoorota, Kanaʼaanota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jechuunis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo torba fuula kee duraa ariʼee baasutti,2yommuu Rabbii Allaahan kee dabarsee isaan siif kennee atis isaan moʼattutti, guutumaan guutuutti isaan barbadeessi. Isaan wajjin kakuu tokko illee hin seenin; garaas isaanii hin laafin.3Isaanitti hin soddoomin; ilmaan isaaniitiif intallan kee hin kennin yookaan intallan isaanii ilmaan keetiif hin fidin;4sababiin isaas isaan ilmaan kee na duukaa buʼuu irraa deebisanii akka isaan waaqeffatamtoota biraa tajaajilan godhu; dheekkamsi Rabbii Allaahas sitti bobaʼee dafee si balleessa.5Wanni isin isaan gochuu qabdan kana: iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa; waaqeffatamtoota isaaniis ibiddaan gubbaa.6Ati saba Rabbii Allaah keetiif qulqulluu taatee dha. Rabbii Allaahan kee akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filate.
7Wanni Rabbii Allaahan isin jaallatee isin filateef waan isin saboota kaan caalaa baayʼee taataniif miti; isin saboota hunda caalaa xinnoo turtan.8Garuu wanni Rabbii Allaahan harka jabaadhaan isin baasee biyya garbummaatii fi irree Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isin fureef sababii isin jaallatee kakuu abbootii keessan wajjin gale sana eegeef.9Kanaafuu akka Rabbii Allaahan kee Allaah taʼe beeki; inni Allaah amanamaa warra isa jaallatanii ajaja isaas eeganiif kakuu fi araara isaa hamma dhaloota kumaatti eeguu dha.10Warra isa jibban garuu,balleessuuf gatii isaanii mataa isaaniitti deebisa;nama isa jibbus gatii isaa mataa isaatti deebisuudhaaf lafa irra hin harkifatu.
11Kanaafuu ati ajajawwan, qajeelchawwanii fi seerawwan ani harʼa siif kennu kanneen eegi.
12Yoo ati seerawwan kanneeniif xiyyeeffannaa kennitee of eeggannaadhaan duukaa buute, Rabbii Allaahan kee akkuma abbootii keetiif kakate sana kakuu fi araara isaa siifis ni eega.13Inni si jaallata; si eebbisa; si baayʼisas. Biyya siif kennuuf abbootii keetiif kakuu gale keessatti ija garaa keetii, oomisha lafa keetii jechuunis midhaan, wayinii haaraa fi zayitii, jabbiiwwan loon keetii, xobbaallaawwan bushaayee keetii siif eebbisa.14Ati saboota kam iyyuu caalaa ni eebbifamta; dhiira yookaan dubartii kee keessaa tokko illee ijoollee hin dhabu yookaan loon kee keessaa tokko illee hin maseenu.15Rabbii Allaahan dhukkuba hunda sirraa fuudha. Inni dhukkuboota suukaneessaa ati biyya Gibxitti argite sana warra si jibbanitti fida malee sitti hin fidu.16Ati saboota Rabbii Allaahan kee dabarsee sitti kennu hunda balleessuu qabda. Ati isaaniif garaa hin laafin; kuni kiyyoo sitti taʼaatii waaqeffatamtoota isaanii hin waaqeffatin.
17Ati, “Saboonni kunneen nu caalaa jajjaboo dha; nu akkamitti isaan baafna?” jettee yaadda taʼa.18Garuu ati isaan hin sodaatin; waan Rabbii Allaahan kee Faraʼoonii fi guutummaa Gibxitti hojjete sana yaadadhu.19Ati qormaatawwan gurguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan, harka jabaa fi irree diriirfame kan Rabbii Allaahan kee ittiin si baase sana ijuma keetiin argiteerta. Rabbii Allaahan kee saboota ati amma sodaattu hundas akkasuma godha.20Kana caalaa iyyuu Rabbii Allaahan kee hamma warri lubbuudhaan hafanii si duraa dhokatan iyyuu barbadaaʼanitti gidduu isaaniitti sonsa ni erga.21Sababii Rabbii Allaahan kee inni gidduu kee jiru sun Allaah guddaa fi sodaachisaa taʼeef isaan hin sodaatin.22Rabbii Allaahan kee saboota sana xinnoo xinnoodhaan fuula kee duraa ni baasa; akka bineensonni bosonaa naannoo keetti hin baayʼanneef yeruma tokkotti isaan balleesuun siif hin eeyyamamu.23Rabbii Allaahan kee garuu hamma isaan badanitti isaan raatessuudhaan dabarsee harka keetti isaan kenna.24Mootota isaaniis dabarsee sitti kenna; atis maqaa isaanii shamaayʼun jalaa ni balleessita. Hamma ati isaan balleessitutti namni fuula kee dura dhaabachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.25Fakkii waaqeffatamtoota isaanii ibiddaan gubi; meetii fi warqee isaan irra jiru hin hawwin; ofii keetiifis hin fudhatin; yoo kanaa achii inni sababii fuula Rabbii Allaah keetii duratti jibbisiisaa taʼeef kiyyoo sitti taʼa.26Waan jibbisiisaa gara mana keetiitti hin galchin; yoo kanaa achii atis akkuma isaa badiisaaf addaan baafamta. Waan inni badiisaaf addaan baafameef ati guutumaan guutuutti isa jibbi; balfis.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3