2 Xiimotewos1
1Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Al-Masiihi Iisaatiin galame sanaatti fedhii Allaahatiin ergamaa Al-Masiihi Iisaa taʼe irraa,2Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti:
Abbaa keenya Allaaha fi Gooftaa keenya Al-Masiihi Iisaa irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
Abbaa keenya Allaaha fi Gooftaa keenya Al-Masiihi Iisaa irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.
Galateeffachuu
3Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa duʼaa koo keessatti si yaadadhutti Allaah akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha.4Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa.5Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.Akka Phaawulosii fi Injiilaaf Of Kennaniif Sossobachuu
6Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Allaaha kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa.7Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.8Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Injiilaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Allaahatiin na wajjin hirmaadhu;9Allaahan sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Al-Masiihi Iisaatiin nuu kenname;10amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Al-Masiihi Iisaa isa karaa injiilaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera.11Anis injiila kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera.12Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.13Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Al-Masiihi Iisaatiin qabdu jabeessii qabadhu.14Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.Fakkeenya Of Kennuu Dhabuu fi Of Kennuu
15Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru.16Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii.17Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture.18Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta.Biblica, Inc.