1 Xiimotewos2
Qajeelcha Waaʼee waaqeffannaa
1Egaa ani akka waammachuun, duʼaan, namaaf duʼaa gochuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa;2nus akka Allaah sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu.3Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Allaaha durattis fudhatamaa dha;4Allaahan akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada.5Allaahan tokkicha; Allaaha fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Al-Masiihi Iisaa isa nama taʼee dha;6Iisaan kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera.7Sababii kanaaf ani lallabaa fi malaʼikkaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu.8Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii duʼaa gootan nan barbaada.9Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada;10isaanis akkuma dubartoota, “Nu Allaah sodaanna” jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.11Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu.12Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu.13Sababiin isaas Aadam jalqabatti uumame; Haawaan immoo ergasii uumamte.14Aadam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite.15Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu.Biblica, Inc.