Amoos5gaz_bib

Faaruu Booʼichaatii fi Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu

1Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:2“Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti;isheen lammata hin kaatu;biyyuma ishee keessatti gatamteenama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”3Waaqayyo Gooftaan akkana jedha:“Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteefdhibba tokko qofatu hafa;magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteefkudhan qofatu hafa.”4Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha:“Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;5Beetʼeelin hin barbaaddatinaa;Gilgaal hin dhaqinaa;Bersheebaattis hin ceʼinaa.Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti;Beetʼeelis ni dhabamti.”6Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa;yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaamana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa;ibiddi sun ishee guba;Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuuhin qabaattu.
7Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartaniiqajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.
8Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume,kan dukkana bariitti geeddaru,inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu,kan galaana keessaa bishaan ol waameefuula lafa gogaa irratti dhangalaasumaqaan isaa Waaqayyoo dha.9Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida;magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.
10Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu;kan dhugaa dubbatus ni balfu.
11Isin hiyyeeyyii dhidhiittaniiakka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu.Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuumanneen sana keessa hin jiraattan;isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuudaadhii wayinii isaanii hin dhugdan.12Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu ficubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii.Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu;hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.13Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata;barri kun bara hamaadhaatii.
14Akka lubbuudhaan jiraattaniifwaan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa.Yoos akkuma isin jettan sanaWaaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.15Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa;mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa;Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼutarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.16Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Daandii hunda irra booʼicha,oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira.Qonnaan bultoonni akka booʼaniif,warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.17Ani gidduu keessan waanan darbuufiddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa”jedha Waaqayyo.

Guyyaa Waaqayyoo

18Isin warra guyyaa Waaqayyooarguu hawwitaniif wayyoo!Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu!Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.19Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼeeafaan amaaketaa buʼu tokkoo ti;yookaan akka nama mana isaa seeneeharka isaa keenyan manaa irra kaaʼateebofti isa idde tokkoo ti.20Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii?Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?
21“Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas;waldaa keessanittis hin gammadu.22Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuuani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu.Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuuani homaattuu isa hin lakkaaʼu.23Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa!Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.24Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa,qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!
25“Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtamagammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?26Isin waan harkuma keessaniin tolfattanjechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii,utubaa waaqa keessan tolfamaatii fifakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.27Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif,Damaasqoodhaan gamatti isinan erga”jedha Waaqayyo inni maqaan isaaWaaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.