Kitaaba Fakkeennaa23gax_twf

Jayeessoo

1Sagalee nyaatiisaaf bulchaa woliin yennaa teettu,waan si dura jirtu san hubadhuu ilaali.2Nyaatiisaaf dharraa guddoo yoo qabaattelle,ifi qabadhu.3Sagaleen sun waan si sodduuf,mi'aan isi'ii si hin joljolsin.

Torbeessoo

4Duroomiisaaf jettee akka malee hin elowin;ifi qabatiisaaf qarummaa qabaadhu.5Durummaan akka risaa koolaan ka'uu,haga lipheettii ilaatitti,nama duraa baduu hin dandeetti.

Saddeetessoo

6Sagalee nama donnaa hin nyaatin;mi'aan isi'ii si hin joljolsin.7Inni akka nama yennaa mara marroo gatii sagaleen sun baachu yaaduu ti;inni afaaniin, «Nyaadhu; uni» siin jedha;gadhaan isaa ammoo si woliin hin jiru.8Diqqoo nyaatteeyyuu hin diddidda;dubbii galataa teetille hin balleessita.

Sagaleessoo

9Inni dubbii qarumma'aa teetitti waan murguuf,gowwa'atti hin dubbatin.

Kudhaneessoo

10Dhakaa meessa'aa ka durii adde'ee hin munyuussinyookiin fichaa ijoollee abbaa hin qanneemeessaa hin dabarin.11Waaqi isaan wodu jabaa waan te'eef,inni isaaniif hin falmata.

Kudhanii Tokkeessoo

12Qalbii teeti gara gorsaa,gurra keetille gara beekkumsaa deebifadhu.

Kudhanii Lammeessoo

13Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin;kuta'aan yoo dhaante isaan hin du'anu.14Ati yoo kuta'aan isaan dhaante,lubbuu isaanii du'a irraa hin hamburta.

Kudhanii Sadeessoo

15Ilma kiyya, ati qaroo yoo teete,gadhaan kiyya hin gammada.16Yennaa afaan keeti waan sirrii te'e dubbatu,keessi kiyya guddoo gammada.

Kudhanii Arfeessoo

17Yennaa mara Mootii Waan Maraasodaatiisaaf hinaaf malee,cubbaaleyyi'itti hin hinaafin.18Dhugumaan ati gara fuula duraa addii qadda;addiin teetille hin baddu.

Kudhanii Shaneessoo

19Ilma kiyya, caqasi;qaroolle te'i;qalbii teetille daandii qajeelaa irratti eegadhu.20Worra daadhii woyni'ii akka malee unuu fiworra foon akka malee nyaatu woliin hin jaalomin.21Worri machowuu fi worri gadhitoon hin hiyyoommatan;hirriibi hamaan isaaniille woyaa ciccittuu isaanitti hin uffisa.

Kudhanii Jayeessoo

22Abbaa keeti ka si uume dhage'i;haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.23Dhuga'aa fi qarummaa,gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin.24Abbaan nama balcha'aa gammada guddaa qaba;ka ilma qaroo qabulle isatti hin gammada.25Abbaan keetii fi haati teeti gammadanuu ti;haati si deette akka malee gammadduu ti.

Kudhanii Torbeessoo

26Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni;ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti.27Dubartiin sagaagaltittiin akka boolla qile'ee ti;niitiin gaarayyeeffattuun akka balleessa dhipha'aa ti.28Isaan akka worra nama saamuu riphanee si eegan;dhiira hedduu niitii ifiitiif akka hin addatanne godhan.

Kudhanii Saddeetessoo

29Ka waacifu eennu?Ka gaddu eennu?Ka wol dhabu eennu?Ka nama komatu eennu?Ka sababa malee madowu eennu?Ka ila diimatu eennu?30Worra daadhii woyni'ii irra turu,ka yennaa mara daadhii woyni'iita makaa qaddu barbaaduu motii ree?31Daadhiin woyni'ii yennaa diimattu,shurrubbee keessaa yennaa calalaxxu,akka kasoo yennaa isii unanusi hin halchisiisin.32Muummee irratti akka dhudhuufa'aa si idditi;akka buuti'iille hadhaa sitti naxxi.33Ilti teeti waan haareya dhaggiti;qalbiin teetille hin cucurruuxxi.34Akka nama abbaayaa irra rafuu,akka nama qaccee utubaa hobolo'oo irra irkatuu hin teeta.35Ati, «Na dhowane;ani ammoo hin miidhanne;na dhaanane;ani ammoo hin dhukkuffanne;untoo dhibii barbaadatiisaaf, yoom dammaqa?» jetta.