Abbootii Murtii20
Israaʼeloonni Biniyaamota Lolan
1Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman akkasumas kanneen biyya Giliʼaad keessa jiraatan hundi akka nama tokkootti baʼanii iddoo Miisphaa jedhamutti fuula Rabbii Allaah duratti walitti qabaman.2Hooggantoonni namoota gosoota Israaʼel hundi wal gaʼii saba Allaaha irratti argaman; loltoonni kuma dhibba afur goraadee hidhatanii turan.3Namoonni gosa Biniyaam akka Israaʼeloonni gara Miisphaatti ol baʼan dhagaʼan. Namoonni Israaʼelis, “Mee akka wanni hamaan kun itti hojjetame nutti himaa” jedhan.4Lewwichi dhirsi dubartii ajjeefamte sanaas akkana jedhee deebise; “Anii fi saajjatoon koo achi buluuf biyya Biniyaam Gibeʼaa dhufne.5Namoonni Gibeʼaas na ajjeesuuf halkan mana ani bule sana marsan. Isaanis saajjatoo koo humnaan gudeedan; isheenis ni duute.6Anis reeffa saajjatoo koo fuudhee gargari kukkutee gara biyyoota dhaala gosoota Israaʼel hundaatti erge; isaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa fi salphisaa akkasii hojjetaniiruutii.7Ammas isin Israaʼeloonni hundinuu irratti mariʼadhaatii murtii keessan kennaa.”8Namoonni hundi akkuma nama tokkootti kaʼanii akkana jedhan; “Nu keessaa namni tokko iyyuu gara mana isaatti hin galu. Nu keessaa namni tokko iyyuu mana isaatti hin deebiʼu.9Wanni nu Gibeʼaa goonu garuu kana: Akkuma ixaan nuu baʼetti itti duuluu dha.10Akka isaan warra duulaniif waan isaan nyaatan fidaniif, gosoota Israaʼel hunda keessaa nama dhibba tokko keessaa nama kudhan, nama kuma tokko keessaa nama dhibba tokko, nama kuma kudhan keessaa nama kuma tokko ni fudhanna. Duulli kunis yeroo Gibeʼaa ishee Biniyaam keessa jirtu sana qaqqabutti waan isaan Israaʼel irratti hojjetan sanaaf adabbii barbaachisaa ni kenna.”11Kanaafuu namoonni Israaʼel hundi walitti qabamanii akkuma nama tokkootti magaalattiitti duulan.12Gosoonni Israaʼel gara gosa Biniyaam hundaatti akkana jedhanii nama ergan; “Yakki hamaan gidduu keessanitti hojjetame kun maali?13Ammas akka nu isaan barbadeessinee Israaʼel keessaa hammina balleessinuuf namoota Gibeʼaa hamoo sana dabarsaa nutti kennaa.”Biniyaamonni garuu Israaʼeloota firoota isaanii dhagaʼuu didan.14Isaanis Israaʼeloota waraanuudhaaf magaalaawwan isaaniitii tokkummaadhaan gara Gibeʼaa dhufan.15Biniyaamonni yeruma tokkotti loltoota filatamoo Gibeʼaa keessa jiraatan dhibba torba irratti namoota goraadee hidhatan kuma digdamii jaʼa magaalaawwan isaaniitii hiriirsan.16Loltoota filatamoo kanneen hunda keessaa dhibba torba bitaachota tokkoon tokkoon isaanii rifeensatti dhagaa furrisanii hin dhabne turan.17Israaʼeloonni Biniyaamota malee iyyuu namoota goraadee hidhatan kuma dhibba afur qabu turan; kunneen hundinuu gootota turan.18Israaʼeloonni Beetʼeelitti ol baʼanii, “Biniyaamota waraanuudhaaf nu keessaa jalqabatti eenyu haa baʼuu?” jedhanii Allaah gaafatan.
Rabbii Allaahanis, “Yihuudaan jalqabatti haa baʼu” jedhee deebise.19Ijoolleen Israaʼelis ganamaan kaʼanii Gibeʼaa marsan.20Namoonni Israaʼel Biniyaamota waraanuuf baʼanii Gibeʼaatti iddoo iddoo isaanii qabatan.21Biniyaamonnis Gibeʼaadhaa baʼanii gaafuma sana dirree waraanaa irratti Israaʼeloota kuma digdamii lama fixan.22Namoonni Israaʼel garuu wal jajjabeessanii iddoodhuma gaafa duraa itti hiriiran sanatti iddoo iddoo isaanii qabatan.23Israaʼeloonni ol baʼanii hamma galgalaatti fuula Rabbii Allaah duratti booʼan. Isaanis, “Nu obboloota keenya Biniyaamota waraanuuf amma illee ol baanuu?” jedhanii Rabbii Allaah gaafatan.
Rabbii Allaahanis, “Itti ol baʼaa” jedhee deebise.24Israaʼeloonni guyyaa lammaffaatti gara Biniyaamotaatti dhiʼaatan.25Yeroo kanatti, Biniyaamonni Gibeʼaadhaa itti baʼanii Israaʼeloota goraadee hidhatan kuma kudha saddeet galaafatan.26Ergasii ijoolleen Israaʼel, sabni hundinuu Beetʼeelitti ol baʼanii achitti booʼaa fuula Rabbii Allaah dura tataaʼan. Hamma galgalaattis soomanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeessan.27Israaʼeloonnis gorsa Rabbii Allaah gaafatan. Bara sana taabonni kakuu Allaaha achuma ture;28Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar, ilmi Haaruun fuula isaa dura tajaajilaa ture. Isaanis, “Nu amma illee obboloota keenya Biniyaamota waraanuuf haa baanu moo haa dhiifnu?” jedhanii gaafatan.
Rabbii Allaahanis, “Baʼaa; ani bori isaan dabarsee harka keessanitti kennaatii” jedheen.29Kanaafuu Israaʼeloonni naannoo Gibeʼaatti riphan.30Isaanis guyyaa sadaffaatti Biniyaamotatti duulanii akkuma duraan godhan sana Gibeʼaa waraanuudhaaf iddoo iddoo isaanii qabatan.31Biniyaamonnis isaan waraanuuf baʼanii magaalaa sana irraa fagaatan. Akkuma kanaan duraas Israaʼeloota dhaʼuu jalqaban; daandiiwwan Beetʼeeliitii fi Gibeʼaa irrattis namoota Israaʼel gara soddoma ajjeesan.32Biniyaamonnis, “Kunoo nu akkuma kanaan duraa isaan moʼachaa jirra” jedhan; Israaʼeloonni immoo, “Kottaa nu gara dugda duubaatti deebinee akka isaan magaalaa keessaa baʼan goonaa” jedhan.33Namoonni Israaʼel hundinuu iddoo turanii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti iddoo iddoo isaanii qabatan; waraanni Israaʼel kan riphee eegaa tures karaa lixa Gibeʼaatiin itti baʼe.34Sana booddees namoonni Israaʼel filatamoon kuma kudhan Gibeʼaa irratti waraana banan. Waraanni sunis akka malee cimaa ture; Biniyaamonni garuu akka badiin isaanitti dhiʼaatee jiru hin beekne ture.35Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duratti Biniyaamota dhaʼe; Israaʼeloonni gaafas Biniyaamota 25,100 kanneen hundi isaanii goraadee hidhatan fixan.36Kanaafuu Biniyaamonni akka moʼataman hubatan.
Yeroo kanatti Israaʼeloonni waraana isaanii kan naannoo Gibeʼaatti riphee jiru sana abdatanii waan moʼataman fakkeessanii Biniyaamotaaf iddoo gad dhiisan.37Waraanni Israaʼel riphee ture sunis yeruma tokkoon cabsee Gibeʼaa seenee magaalattii goraadeedhaan dhaʼe.38Namoonni Israaʼelis akka waraanni riphee ture sun magaalaa keessaa mallattoo duumessa aaraa guddaa isaa argisiisu walii galanii turan;39akkasiinis namoonni Israaʼel gara lolaatti dachaʼan.
Biniyaamonni waraana jalqabanii Israaʼeloota soddoma ajjeesan; kanaafuu, “Nu akkuma yeroo jalqabaa sana isaan moʼachaa jirra” jedhan.40Garuu yommuu magaalattii keessaa aarri ol baʼuu jalqabetti Biniyaamonni of irra garagalanii aara guutummaa magaalattii keessaa shamaayʼuniitti ol baʼaa jiru argan.41Kana irratti namoonni Israaʼel Biniyaamotatti garagalan; Biniyaamonni akka balaan isaanitti dhufe beekanii akka malee sodaataniitii.42Kanaafuu isaan gara gammoojjiitti fuula deeffatanii Israaʼeloota duraa baqatan. Garuu jalaa baʼuu hin dandeenye. Namoonni Israaʼel kanneen magaalaa sanaa baʼanii dhufan achitti isaan fixan.43Isaanis jara marsanii ariʼuudhaan fuullee baʼa Gibeʼaatti isaan moʼatan.44Loltoonni Biniyaam jajjaboon kuma kudha saddeet ni galaafataman.45Utuu isaan garagalanii gara gammoojjii kattaa Rimoonitti baqachaa jiranuu namoonni kuma shan karaa irratti jalaa dhuman. Israaʼeloonni ammas hamma Gidoomitti warra hafan duukaa buʼanii nama kuma lama ajjeesan.46Gaafas Biniyaamota goraadee hidhatan kuma digdamii shanitu ajjeefame; hundi isaaniis loltoota bebeekamoo turan.47Namoonni dhibba jaʼa garuu garagalanii gara gammoojjiitti kattaa Rimoonitti baqatan; jiʼa afuris achi turan.48Namoonni Israaʼel immoo gara Biniyaamotaatti dachaʼanii guutummaa magaalaa sanaa, horii fi waan achitti argan hunda goraadeen fixan. Magaalaa itti dhufan hundas ibiddaan guban.
Biblica, Inc.