Amoos8
Guuboo Ija Bilchaateen Guutame
1Rabbii Allaahan Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.2Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate.Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef.
Ergasii Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.”3Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!”4Isin warri rakkattoota dhidhiittaniihiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa;5isin akkana jettu;“Akka nu midhaan gurgurannuufBaatiin Haaraan yoom goobana?Akka nu qamadii gabaa baafannuufSanbanni yoom darba?”Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtaniigatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiinnama gowwoomsitanii saamtu;6hiyyeeyyii meetiidhaan,rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattaniigirdiis qamadii wajjin gurgurattu.7Rabbii Allaahan akkana jedhee ulfina Yaaʼikuubiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu.8“Sababii kanaaf lafti kirkirteenamoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii?Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa;isheen akkuma laga Gibxiol dadarbatamtee liqimfamti.”9Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha; “Bara sana,“Ani akka aduun saafaadhaan dhiiteelaftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha.10Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti,sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara.Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattaniimataa keessan haaddattan nan godha.Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa,dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.”11Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha;“Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa;innis beela dubbii Rabbii Allaah dhagaʼuu ti maleebeela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.12Namoonni dubbii Rabbii Allaah barbaachagalaanaa gara galaanaatti,kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru;garuu hin argatan.13“Bara sana“Shamarran babbareedoo fidargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu.14Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatanyookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqeffatamaa kee jiraataa’ jedhan,yookaan warri ‘Dhugaa waaqeffatamaa tolfamaa Bersheebaa’ jedhaniikakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”
Biblica, Inc.