Hooseʼaa12

1Efreem bubbee nyaata;inni guyyaa guutuu bubbee baʼa biiftuu duukaa fiiga;sobaa fi gooliis ni baayʼisa.Inni Asoor wajjin walii galtee godhateebiyya Gibxiitti zayitii ejersaa erga.2Rabbii Allaahan waan Yihuudaa himatu qaba;inni akkuma amala isaatti Yaaʼikuubin adaba;akkuma hojii isaattis gatii isaa kennaaf.3Inni gadameessa keessatti koomee obboleessa isaa qabe;erga guddatee immoo Allaah wajjin walʼaansoo qabe.4Inni malaʼikkaa Allaaha wajjin walʼaansoo qabee moʼate;booʼees surraa kadhate.Inni Beetʼeelitti isa argateeachitti isa wajjin haasaʼe.5Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼu,maqaan isaa Rabbii Allaah!6Ati garuu Allaah keetti deebiʼi;jaalalaa fi murtii qajeelaa jabeessiiyeroo hunda Allaah kee eeggadhu.
7Daldalaan madaalii sobaa ofi harkaa qabunama gowwoomsuu jaallata.8Efreem akkana jedhee boona;“Ani akka malee sooressa; qabeenya guddaa argadheera.Isaan qabeenya koo kana hunda keessatti iyyuuballeessaa yookaan cubbuu tokko illee narratti argachuu hin dandaʼan.”
9“Ani Rabbii Allaah keekan biyya Gibxii si baasee dha;ani akka ati akkuma guyyaa ayyaanota kee kanneen murteeffaman sanaattideebitee dunkaana keessa jiraattu sin godha.10Ani nabiiʼiyyootatti dubbadheemulʼata hedduu kenneefiikaraa isaaniitiin fakkeenyaan nan dubbadhe.”
11Giliʼaad hamaadhaa?Sabni ishee faayidaa hin qabu!Isaan Gilgaal keessatti korma qaluu?Iddoon aarsaa isaanii akkuma tuullaa dhagaa isa lafa qotiisaakan qotame irra jiruu ni taʼa.12Yaaʼikuub gara Sooriyaatti baqate;Israaʼel niitii argachuuf nama tajaajile;gabbara ishee baasuufis hoolota tikse.13Rabbii Allaahan biyya Gibxiitii Israaʼelin baasuuf raajiitti fayyadame;inni karuma nabiiʼiyyii sanaatiin isa kunuunse.14Efreem garuu aarii isaa guddicha kakaase;Gooftaan isaa yakka dhiiga namaa dhangalaasuu sana isumatti deebisa;arrabsoo isaas matuma isaatti deebisa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3