Amoos4gaz_bib

Israaʼel Gara Waaqaatti Hin deebine

1Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan,yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitaniidhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettandubbii kana dhagaʼaa.2Waaqayyo Gooftaan akkana jedheequlqullummaa isaatiin kakateera:“Yeroon isin itti hokkoodhaan,isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiinqabamu tokko dhugumaan ni dhufa.3Isin tokko tokkoon qajeeltaniiqaawwa dallaatiin ni baatu;gara Harmoonittis ni darbatamtu”jedha Waaqayyo.4“Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa;Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa.Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa;waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaaharka tokko fidaa.5Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa;aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas;yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii,ittiin boonaa”jedha Waaqayyo Gooftaan.
6“Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera;magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera;isin garuu gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.
7“Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafuttibokkaa isin irraa nan kute.Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergeekaan irraa immoo nan dhaabe.Lafti qonnaa tokko bokkaa argateekaan garuu homaa dhabee goge.8Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore;garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne;taʼus isin gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.
9“Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fiwayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse.Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse;taʼus isin gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.
10“Ani akkuman biyya Gibxi godhe sanadhaʼicha isinitti nan erge.Ani fardeen isin boojitan wajjindargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe.Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute;isin garuu gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.
11“Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sanaisin keessaa nama tokko tokko garagalcheera.Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti;taʼus isin gara kootti hin deebine”jedha Waaqayyo.
12“Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha;sababii ani akkana isin godhuufyaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.”
13Inni tulluuwwan tolcheebubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun,inni barii dukkaneesseeiddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun,maqaan isaa Waaqayyo,Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.