Lakkoobsa16
Qooraahi, Daataanii fi Aberoon
1Qooraahi ilmi Yizihaar, ilmi Qohaati, ilmi Lewwii, gosa Ruubeen keessaa immoo ilmaan Eliiyaab, Daataanii fi Abiiraam akkasumas Ooni ilmi Phelet kaʼanii2Muusaadhaan morman. Isaan wajjinis namoota Israaʼel jechuunis hooggantoota waldaa bebeekamoo kanneen miseensa yaaʼii taʼanii muudamanii turan 250 gaʼantu ture.3Isaanis Muusaa fi Haaruuniin mormuuf jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamanii dhufanii akkana isaaniin jedhan; “Isin dubbii baayʼiftaniirtu! Waldaan kun guutummaatti tokkoon tokkoon isaanii iyyuu qulqulluu dha; Rabbii Allaahanis isaan wajjin jira. Yoos isin maaliif waldaa Rabbii Allaah irratti of tuultu ree?”4Muusaan dubbii kana dhageenyaan addaan lafatti gombifame.5Ergasiis Qooraahii fi warra isa duukaa buʼan hundaan akkana jedhe: “Bori ganama Rabbii Allaahan nama kan isaa taʼee fi nama qulqulluu taʼe ni argisiisa; akka namni sun gara isaatti dhiʼaatu illee ni godha. Inni nama filate sana akka inni itti dhiʼaatu godha.6Qooraahi, atii fi warri si duukaa buʼan hundi waan kana godhaa: Girgiraawwan fudhadhaatii7bori fuula Rabbii Allaah duratti ibiddaa fi ixaana itti naqaa. Namni Rabbii Allaahan filatu inni nama qulqulluu taʼa. Isin Lewwonni dubbii baayʼiftaniirtu!”8Muusaanis Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Isin Lewwonni mee dhagaʼaa!9Allaahan Israaʼel waldaa Israaʼel kaan keessaa isin filatee akka isin hojii dunkaana qulqulluu Rabbii Allaah hojjettanii fi akka isin fuula waldaa dura dhaabatanii isaan tajaajiltaniif jedhee ofitti isin dhiʼeessuun isaa isin hin gaʼuu?10Inni siʼii fi Lewwota si wajjin jiran hunda ofitti dhiʼeesseera; isin garuu lubummaa illee fudhachuu barbaaddan.11Kanaafuu atii fi miiltonni kee hundinuu walitti qabamtanii Rabbii Allaahan mormitan. Haaruun isin itti guungumtan kun eenyuu dha?”12Muusaanis ergasii ilmaan Eliiyaab Daataanii fi Abiiraam waamsise. Isaan garuu akkana jedhan; “Nu hin dhufnu!13Ati gammoojjii keessatti nu fixuuf jettee biyya aannanii fi damma baasu keessaa nu baasuun kee si hin gaʼuu? Amma immoo gooftaa nutti taʼuu feetaa?14Kana malee iyyuu ati biyya aannanii fi damma baasutti nu hin galchine yookaan dhaala lafa qotiisaatii fi iddoo dhaabaa wayinii nuu hin kennine. Ati ija namoota kanaa ni baaftaa? Lakkii, nu hin dhufnu!”15Muusaan akka malee aaree Rabbii Allaahan, “Aarsaa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokko illee isaan irraa hin fudhanne yookaan isaan keessaa nama tokko illee hin miine” jedhe.16Muusaan Qooraahiidhaan akkana jedhe; “Atii fi miiltonni kee hundinuu akkasumas ati, isaanii fi Haaruun bori fuula Rabbii Allaah duratti argamaa.17Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ixaana itti naqatee fuula Rabbii Allaah duratti haa dhiʼeessu; girgiraawwan kunneenis walumaa galatti 250 taʼu. Akkasumas atii fi Haaruun girgiraa keessan dhiʼeessuu qabdu.”18Tokkoon tokkoon namaa girgiraa isaa fudhatee, ibiddaa fi ixaana itti naqatee Muusaa fi Haaruun wajjin balbala dunkaana wal gaʼii dura dhaabate.19Yeroo Qooraahi isaaniin mormuuf jedhee duukaa buutota isaa hunda balbala dunkaana wal gaʼii duratti walitti qabetti, ulfinni Rabbii Allaah waldaa guutuutti mulʼate.20Rabbii Allaahan Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe;21“Akka ani yeruma tokkoon isaan fixuuf waldaa kana irraa gargar baʼaa.”22Muusaa fi Haaruun garuu addaan lafatti gombifamanii akkana jedhanii iyyan; “Yaa Rabbii Allaah hafuurota sanyii nama hundaa, ati yoo namni tokko yakke waldaa guutuutti dheekkamtaa?”23Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe;24“Waldaa kanaan, ‘Dunkaanota Qooraahi, kan Daataaniitii fi Abiiraam irraa fagaadhaa’ jedhi.”25Muusaanis kaʼee gara Daataanii fi Abiiraam dhaqe; maanguddoonni Israaʼelis isa duukaa buʼan.26Innis waldaa sanaan, “Dunkaana namoota hamoo kanneenii irraa fagaadhaa! Isin akka sababii cubbuu isaanii hundaan hin barbadeeffamneef waan kan isaanii taʼe kam iyyuu hin tuqinaa” jedhe.27Isaan dunkaanota Qooraahi, kan Daataanii fi kan Abiiraamiis irraa fagaatan. Daataanii fi Abiiraamiis gad baʼanii niitota, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin balbala dunkaanota isaanii dura dhadhaabachaa turan.28Ergasii Muusaan akkana jedhe; “Ani wantoota kanneen hunda akkan hojjedhuuf Rabbii Allaahan akka na erge, kunis yaada koo akka hin taʼin isin kanaan ni beektu:29Yoo namoonni kunneen duʼuma uumamaan dhufu duʼanii fi wanni nama hundatti dhufu isaanitti dhufe Rabbii Allaahan na hin ergine.30Garuu yoo Rabbii Allaahan waan guutummaan guutuutti haaraa taʼe tokko isaanitti fidee lafti afaan bantee waan isaan qaban hunda wajjin isaan liqimsite, yoo isaanis utuma lubbuun jiranuu boolla buʼan, isin akka namoonni kunneen Rabbii Allaah tuffatan ni beektan.”31Akkuma inni waan kana hunda dubbatee fixateen lafti isaan jalaa baqaqxe;32lafti sunis afaan bantee warra mana isaanii, namoota Qooraahi hundaa fi qabeenya isaanii hunda wajjin isaan liqimsite.33Isaanis waan qaban hunda wajjin jiraatti boolla buʼan; laftis isaan irratti afaan walitti deebifatte; isaanis akkasiin waldaa keessaa balleeffaman.34Isaan iyyinaan Israaʼeloonni naannoo isaanii turan hundinuu, “Lafti kun nuunis ni liqimsiti!” jedhanii iyyaa baqatan.35Ibiddi Rabbii Allaah biraa gad buʼee namoota 250 kanneen aarsaa ixaanaa dhiʼeessaa turan sana fixe.36Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe;37“Akka inni girgiraawwan sana lafa jarri itti gubamanii fuudhee cilee isaanii kan bobaʼu achi fageessee keessaa bittinneessuuf Eleʼaazaar ilma Haaruun lubichaatti himi; girgiraawwan sun qulqulluudhaatii.38Girgiraawwan kunneenis girgiraawwan namoota lubbuu isaaniitti muruudhaan cubbuu hojjetanii ti. Girgiraawwan sanas iddoo aarsaatti uffisuudhaaf tumii haphisi; isaan fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeeffamanii qulqulluu taʼaniiruutii. Isaanis Israaʼelootaaf mallattoo haa taʼan.”39Eleʼaazaar lubichi girgiraawwan naasii kanneen namoonni gubaman sun dhiʼeessan sana iddoo aarsaatti uffisuudhaaf jedhee walitti qabee tume.40Kanas akkuma Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin isa ajajetti hojjete. Kunis akka sanyii Haaruun malee namni tokko iyyuu ixaana aarsuuf fuula Rabbii Allaah duratti hin dhiʼaanne, yoo kanaa achii akka inni akkuma Qooraahiitii fi miiltota isaa sanaa taʼu Israaʼeloota yaadataniif.41Guyyaa itti aanutti waldaan Israaʼel hundi, “Isin saba Rabbii Allaah fixxan” jedhanii Muusaa fi Haaruunitti guunguman.42Garuu yeroo waldaan sun Muusaa fi Haaruuniin mormuudhaaf walitti qabamee gara dunkaana wal gaʼii ilaaletti, kunoo duumessi dunkaana sana haguuge; ulfinni Rabbii Allaahas ni mulʼate.43Muusaa fi Haaruun gara fuuldura dunkaana wal gaʼii dhaqan;44Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe;45“Akka ani yommusuma isaan balleessuuf, waldaa kana biraa fagaadhu.” Isaanis addaan lafatti gombifaman.46Ergasii Muusaan Haaruuniin akkana jedhe; “Girgiraa kee fudhadhuutii iddoo aarsaa irraa ixaana ibidda wajjin itti naqadhuutii araara isaaniif buusuudhaaf gara waldaatti fiigi. Dheekkamsi Rabbii Allaah biraa dhufeera; dhaʼichi jalqabeera.”47Haaruun akkuma Muusaan jedhe sana fiigee gidduu waldaa seene. Yeroo kanatti dhaʼichi gidduu waldaatti jalqabee ture. Haaruun garuu ixaana dhiʼeessee araara isaaniif buuse.48Innis warra jiruu fi warra duʼe gidduu ijaajje; dhaʼichi sunis ni dhaabate.49Garuu namoota sababii Qooraahiitiif dhuman malee namoota 14,700 gaʼantu dhaʼicha sanaan dhume.50Haaruun sababii dhaʼichi sun dhaabateef gara balbala dunkaana wal gaʼii gara Muusaatti deebiʼe.Biblica, Inc.