Luqaas20
Taayitaan Iisaa Gaaffii Uume
1Gaaf tokko utuu Iisaan mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu injiilas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan.2Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.3Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:4Cuuphaan Yahyaa shamaayʼun irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”5Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Shamaayʼunii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata.6Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yahyaa nabiiʼiyyii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”7Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.8Iisaan immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu”jedheen.Fakkeenya Qottuuwwanii
9Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.10Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.11Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.12Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.13“Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.14“Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.15Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.“Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal isaan godhinna laata?16Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.”
Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Allaahan waan kana hin fidin!” jedhan.17Iisaanis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni,“ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatandhagaa golee taʼeera jedhamee barreeffame maal jechuu isaati ree’ ?18Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”19Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
Qeesaariif Gibira Kaffaluu
20Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan.21Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Allaaha barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna.22Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?” 23Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe;24“Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?”Isaanis, “Kan Qeesaar” jedhanii deebisan.25Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Allaaha immoo Allaahaf kennaa”jedheen.26Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu
27Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Iisaa dhufan;28akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Muusaan nuu barreesseera.29Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe.30Inni lammaffaan,31inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan.32Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.33Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”34Iisaanis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus.35Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis.36Isaan waan akka malaʼikkootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Allaaha ti.37Garuu Muusaan iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Yaaʼikuub’ jedhee waamaatii.38Inni Allaah warra jiraataniiti malee Allaah warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”39Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan.40Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.Al-Masiihiin Ilma Eenyuu ti?
41Iisaanis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Al-Masiihiin ilma Daawud jechuu dandaʼu?42Daawud mataan isaa iyyuu Kitaaba Zabuurii keessatti akkana jedha;“ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin akkana jedhe;“Karaa mirga koo taaʼi;43hamma ani diinota kee,ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’ 44Daawud ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”45Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Iisaan barattoota isaatiin akkana jedhe;46“Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.47Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis duʼaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”Biblica, Inc.