Isaayaasii Raagichaa6gax_twf

Waamamiisa Isaayaasii

1Woggaa mootichi Uziyaan du'e, Goottaan barcumaa mootumma'aa dheeraa, ulfinna qabu irra tee'ee, handaarri woyaa isaalle Galma Woyyicha isaa guuteeruun dhagge.2Dadi ol-gubba'aa ka «Suraafel» jedhamanu isaan gubbaa dhaabbataneeran; tokkoon tokkoon isaanii koola jaa qaban; koola ifii lamaan fuula ifii, koola ifii lamaan miila ifii gollatan; koola ifii lamaan ka'anee deeman.3Isaan wol wol irraa fuudhaa,«Woyyu'u! Woyyu'u!Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade woyyu'u.Latti duudiin ulfinna isaatiin guutanteerti» jedhane.4Iyya qoonqoo isaaniitiin,hundeen Galma Waaqaa tachoote;Galmille aaraan guute.5Anille, «Ani nama hidhiin battootte; kolbaa hidhiin battootte odduu waan le'uuf, ilti tiyyalle Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waan dhaggiteef, ani badeeraa, naaf, aanne'e!» jedhee iyye.6Achiin duuba Suraafeloota san keessaa tokkochi, addee ciinca'aa irra kashila ibiddaa qarapha'aan fuudhee harkatti qabatee, gara kiyya koolaan ka'ee dhufe.7Inni kashila ibiddaa saniin afaan kiyya tuqee, «Kunoo, kashilli kun hidhii teeti waan tuqeef, yakkaan teeti si irraa kaateerti; cubbuu teetiifille araarri kennameera» naan jedhe.8Achiin duuba qoonqoon Gootta'aa anaan, «Ani eennu erga? Eentu ergaa nuuf dhaqa?» jettuun dhage'e; anille, «Ani kunoo ti. Na ergi!» jedheen.9Maarre inni anaan, «Gara kolbaa tanaa dhaqiitii, ‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu› jedhiin» jedhe.10Achiin duuba inni anaan, «Qalbii kolbaa tanaa cufi; gurra isaanii duuchi; ila isaaniille cufi; yoo akkas hin te'in, ila ifiitiin ilaalanee, gurra ifiitiin dhage'anee, qalbii ifiitiin hubatanee, deebi'iisaan hin fayyan» jedhe.11Achiin duuba ani, «Ee, Gootta'a, tun haga yoomii teeti?» jedhee gaafadhe. Goottaan deebisee, «Haga qachooti diigamee, namooti keessa le'anu dhabamanutti, haga manooti onee, latti ijjumaa duwwaa teetutti,12haga ani Mootiin Waan Maraa namoota fagoo ergee, latti ijjumaa ontutti teeti;13namoota kudhan keessaa tokko lafa san keessatti yoo hafelle, inni hin bada; ammoo akkuma qilxaan yennaa murame jirmi isaa lafa keessatti hafu, akkasuma sanyiin woyyootaalle lafa keessatti akka jirmaa te'anee hin hafan» jedhe.