Sefaaniyaa1

1Dubbiin Rabbii Allaah kan bara Yosiyaas ilmi Aamoon mootii Yihuudaa ture keessa gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, ilma Gedaaliyaas, ilma Amariyaa, ilma Hisqiyaas dhufe kanaa dha:

Akeekkachiisa Waaʼee Badiisa Dhufaa Jiruu

2“Ani fuula lafaa irraawaan hunda haxaaʼee nan balleessa”jedha Rabbii Allaahan.3“Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa;simbirroota shamaayʼuniitii fi qurxummii galaanaa,waaqeffatamtoota tolfamoo namoota hamoogufachiisan haxaaʼee nan balleessa.”“Ani sanyii namaa lafa irraa nan balleessa”jedha Rabbii Allaahan.4“Ani Yihuudaa fi warra Yerusaalem keessajiraatan hundatti harka koo ol nan fudhadha.Ani hambaa Baʼaal hundaa fi maqaa luboota waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffataniiiddoo kanaa nan balleessa;5warra raayyaa shamaayʼun waaqeffachuufqinaaxxii manaa irratti sagadan,warra sagadanii fi Rabbii Allaahan kakatan,warra Moolekiinis kakatan,6warra Rabbii Allaah duukaa buʼuu dhiisanii duubatti deebiʼan,warra Rabbii Allaah hin barbaanne yookaan gorsa isaa hin gaafanne nan balleessa.”
7Guyyaan Rabbii Allaah waan dhiʼaateeffuula Rabbii Allaah Gooftaa duratti calʼisaa.Rabbii Allaahan aarsaa tokko qopheesseera;inni warra affeere qulqulleesseera.
8“Guyyaa aarsaa Rabbii Allaahattiani qondaaltota ilmaan mootichaatii fiwarra wayyaa ormaa uffatan hunda nan adaba.9Ani gaafas warra buusaa irra utaalan,kanneen galma waaqeffatamtoota isaanii jeequmsaa figowwoomsaadhaan guutan nan adaba.”
10Rabbii Allaahan akkana jedha;“Gaafas Karra Qurxummii irraa iyya,Waltajjii Lammaffaa irraa wawwaannaa,gaarran irraa immoosagalee diigama guddaatu dhagaʼama.11Isin warri Makteesh keessa jiraattan wawwaadhaa;daldaltoonni keessan hundi lafa irraa haxaaʼamu;warri meetii daldalan hundinuus ni barbadaaʼu.12Ani yeroo sana Yerusaalemin ibsaadhaan nan sakattaʼa;warra qananiidhaan jiraatan,kanneen akka daadhii wayinii siicoo irratti hafee taʼan,kanneen, ‘Rabbii Allaahan waan tolaas taʼu waan hamaahomaa hin godhu’ jedhanii yaadan nan adaba.13Qabeenyi isaanii ni saamama;manni isaanii ni ona.Isaan mana ijaarratu;garuu keessa hin jiraatan;isaan biqiltuu wayinii ni dhaabbatu;garuu daadhii wayinii hin dhugan.”
14Guyyaan guddichi Rabbii Allaah sun dhiʼaateera;dhiʼaatees dafee dhufaara.Dhagaʼaa! Iyyi guyyaa Rabbii Allaah hadhaaʼaa dha;goonni achitti sagalee ol fudhatee iyya.15Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,guyyaa dhiphinaa fi gaddaa,guyyaa rakkinaa fi badiisaa,guyyaa dukkanaa fi dimimmisaa,guyyaa duumessaa fi dukkana hamaa ni taʼa;16magaalaawwan dallaa jabaa qabanii figamoowwan ol dhedheeroo irrattiguyyaa itti malakata afuufanii fi iyya waraanaa taʼa.
17“Sababii isaan Rabbii Allaahatti cubbuu hojjetaniif,ani akka isaan akkuma jaamotaatti deemaniifuummatatti dhiphina nan fida.Dhiigni isaanii akkuma awwaaraa,miʼi garaa isaaniis akkuma kosii gatama.18Guyyaa dheekkamsa Rabbii Allaahattimeetiin isaanii yookaan warqeen isaaniiisaan oolchuu hin dandaʼu.”Ibidda hinaaffaa isaatiinaddunyaan hundi ni barbadoofti;warra lafa irra jiraatan hundattiinni badiisa tasaa ni fidaatii.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3