Zakariyaa6
Gaarii Afur
1Ani ammas ol nan milʼadhe; kunoo gaariiwwan afur kanneen gaarran lama jechuunis tulluuwwan naasii gidduu gad baʼan nan arge!2Gaariin jalqabaa fardeen didiimoo, lammaffaan gugurraa,3sadaffaan adaadii, afuraffaan immoo farda daamaa qaba ture; isaan hundinuu jajjaboo turan.4Anis, “Yaa gooftaa ko, isaan kunneen maali?” jedheen malaʼikkaa natti dubbachaa ture sana gaafadhe.5Malaʼikkaan sunis akkana jedhee naaf deebise; “Isaan kunneen hafuurota shamaayʼun afran fuula Gooftaa lafa hundaa dura iddoo dhaabachaa turanii gad baʼanii dha.6Kan fardeen gugurraa qabu gara biyya kaabaa deema, kan fardeen adaadii qabu gara biyya lixa biiftuu deema, kan fardeen daamaa qabu immoo gara biyya kibbaa deema.”7Fardeen jajjaboon sun yeroo gad baʼanitti guutummaa lafaa irra asii fi achi deemuu barbaadanii turan. Innis “Guutummaa lafaa irra deemaa!” jedheen. Kanaafuu isaan guutummaa lafaa irra deeman.8Ergasii inni na waamee, “Ilaali, warri gara biyya kaabaa deeman sun biyya kaabaatti Hafuura koo boqochiisaniiru” naan jedhe.Gonfoo Yushuʼaaf Kenname
9Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe;10“Boojiʼamtoota Baabilon irraa dhufan jechuunis Heldaayi, Xoobbiyaa fi Yedaaʼiyaa irraa meetii fi warqee fuudhi. Gaafasuma gara mana Yosiyaas ilma Sefaaniyaa dhaqi.11Meetii fi warqee sana fuudhiitii gonfoo tolchi; gonfoo sanas mataa Yushuʼaa lubicha ol aanaa ilma Yehoozaadaaq irra kaaʼi.12Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii itti himi: ‘Kunoo namichi maqaan isaa Damee jedhamu tokko as jira; innis damee baasee iddoo isaatii dagaagee dhaqee mana qulqullummaa Rabbii Allaah ijaara.13Namni mana qulqullummaa Rabbii Allaah ijaaru isa; inni ulfina uffatee teessoo isaa irra taaʼee ni bulcha. Inni teessoo isaa irratti luba taʼa. Walii galteen nagaas isaan lamaan gidduu ni jiraata.’14Gonfoon sunis yaadannoo Heelem, Xoobbiyaa, Yedaaʼiyaatii fi Heeni ilma Sefaaniyaa tiif mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa ni kaaʼama.15Warri fagoo jiraatan dhufanii ijaarsa mana qulqullummaa Rabbii Allaah ni gargaaru; isinis akka Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isinitti na erge ni beektu. Yoo isin akka gaarii Rabbii Allaah keessaniif ajajamtan wanni kun ni taʼa.”Biblica, Inc.