Zakariyaa3
Uffata Qulqulluu Luba Ol Aanaa
1Innis utuu Yushuʼaan lubichi ol aanaan fuula malaʼikkaa Rabbii Allaah dura dhaabatee, Sheeyxaanni immoo isa himachuuf karaa harka mirga isaa dhaabatuu na argisiise.2Rabbii Allaahanis Sheeyxaanaan akkana jedhe; “Sheeyxaana nana, Rabbii Allaahan si haa ifatu! Rabbii Allaahan inni Yerusaalemin filate si haa ifatu! Namichi kun mukukkula ibidda bobaʼu keessaa butame mitii?”3Yushuʼaan yeroo malaʼikkaa sana dura dhaabatetti uffata xuraaʼaa uffatee ture.4Malaʼikkaan sunis warra isa dura dhaabachaa turan sanaan, “Uffata isaa xuraaʼaa isa irraa baasaa” jedhe.Innis ergasii Yushuʼaadhaan, “Kunoo ani cubbuu kee sirraa fuudhee uffata miidhagaa sittin uffisa” jedhe.5Anis, “Mataa isaa irra marata qulqulluu kaaʼaafii” nan jedhe. Kanaafuu isaan utuma malaʼikkaan Rabbii Allaah sun achi dhaabatee jiruu, marata qulqulluu mataa isaa irra kaaʼanii uffata itti uffisan.6Malaʼikkaan Rabbii Allaah sunis ajaja kana Yushuʼaaf kenne:7“Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ati yoo karaa koo irra deemtee ajaja koo eegde, mana koo ni bulchita; itti gaafatamaa oobdii koo ni taata; anis warra as dhadhaabatan kana gidduutti iddoo siif nan kenna.8“ ‘Yaa Yushuʼaa lubicha ol aanaa, atii fi gareen kee warri fuula kee dura tataaʼan, namoonni waan dhufuuf jiruuf mallattoo taʼan waan kana dhaggeeffadhaa. Ani tajaajilaa koo Damee sana nan fida.9Dhagaa ani fuula Yushuʼaa dura kaaʼe ilaalaa! Dhagaa tokkicha sana irra ija torbatu jira; anis barreeffama isa irratti nan qiriixa’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; ‘Cubbuu biyya kanaas guyyuma tokkotti nan balleessa.10“ ‘Bara sana tokkoon tokkoon namaa muka wayiniitii fi muka harbuu isaa jala taaʼuuf ollaa isaa ni waammata’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.”
Biblica, Inc.