Roomaa16

Phaawulos Nagaa Dhaamuu Isaa

1Obboleettii keenya Feebeen tajaajiltuu waldaa kiristaanaa ishee Kanchireʼaa imaanaa isinitti nan kennadha.2Isheen namoota baayʼeef, anaafis gargaarsa guddaa waan taateef akka isin simannaa qulqullootaaf maluun Gooftaadhaan ishee simattanii fi akka gargaarsa isheen isin irraa barbaaddu kam iyyuu isheef gootan isinin kadhadhaa.
3Phirisqilaa fi Aqiilaa, warra Al-Masiihii Iisaadhaan na wajjin tajaajilanitti nagaa naa himaa.4Isaan naa jedhanii lubbuu isaanii balaaf saaxilan. Utuu ana qofa hin taʼin Waldaaleen Al-Masiihii Kanneen Namoota Ormaa hundinuus isaan galateeffatu.
5Waldaa Al-Masiihii kan mana isaaniitti walitti qabamtuttis nagaa naa himaa.
Biyya Asiyaa keessaa Al-Masiihitti amanuutti hangafa kan taʼe michuu koo jaallatamaa Axeenexoonittis nagaa naa himaa.
6Mariyaam ishee baayʼee isinii dhamaatettis nagaa naa himaa.
7Firoota koo warra na wajjin hidhaman Androoniqoosii fi Yuuniyaanittis nagaa naa himaa. Isaan warra ergamoota keessaa maqaa gaarii qaban kanneen na dura Al-Masiihitti amananii dha.
8Amphiliyaaxos isa ani Gooftaadhaan jaalladhutti nagaa naa himaa.
9Urbaanos isa Al-Masiihii nu wajjin tajaajiluu fi michuu koo jaallatamaa Isxaakisittis nagaa naa himaa.
10Apheelees isa Al-Masiihitti amanamuun isaa qoramee mirkaneeffametti nagaa naa himaa.
Warra mana Arisxoobuluu jiraatanittis nagaa naa himaa.
11Fira koo Heroodiyoonaatti, nagaa naa himaa.
Warra mana Naarkisoos jiraatan kanneen Gooftaatti amananittis nagaa naa himaa.
12Warra Gooftaatti amananii dhamaʼan Tiriifeenaa fi Tiriifoosaatti nagaa naa himaa.
Pharsiis jaallatamtuu hojii Gooftaatti amantee baayʼee dhamaatettis nagaa naa himaa.
13Ruufoos isa Gooftaadhaan filatamee fi haadha isaa ishee anaafis haadha taatetti nagaa naa himaa.
14Asinqiriixoositti, Fileegoonitti, Hermeesitti, Phaaxroobaasitti, Hermaasittii fi obboloota isaan wajjin jiranitti nagaa naa himaa.
15Filologoonitti, Yuuliyaatti, Neeriyoosittii fi obboleettii isaatti, Olimphaasittii fi qulqulloota isaan wajjin jiran hundattis nagaa naa himaa.
16Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.
Waldaaleen Al-Masiihii hundinuu nagaa isinii dhaamu.
17Yaa obboloota, ani akka isin warra gargar baʼuu uumanii barumsa isin barattaniinis mormuudhaan karaa keessan irra gufuu kaaʼan irraa of eeggattan isin kadhadha. Isaan irraa fagaadhaa.18Namoonni akkasii garaa ofii malee Gooftaa keenya Al-Masiihii hin tajaajilaniitii. Isaan afaan toluu fi saaduudhaan qalbii namoota garraamii ni hatu.19Waaʼeen ajajamuu keessanii nama hundumaa biratti dhagaʼameera; anis isinitti nan gammada; garuu akka isin waan gaariif ogeeyyii, waan hamaaf immoo garraamota taatan nan barbaada.
20Allaahan nagaa dafee sheeyxaana miilla keessan jalatti ni burkuteessa.
Ayyaanni Gooftaa keenya Iisaa isin wajjin haa taʼu.
21Xiimotewos inni na wajjin tajaajilu, akkasumas firoonni koo Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nagaa isinii dhaamu.
22Ani Xerxiwoos barreessaan xalayaa kanaa Gooftaadhaan nagaa isinii dhaama.
23Gaayoos inni anaa fi waldaa Al-Masiihii guutuu keessumsiisus nagaa isinii dhaama.
Bulchaan maallaqaa kan magaalaa kanaa Erisxoos, akkasumas obboleessi keenya Quʼasxiroos nagaa isinii dhaamu. [
24Ayyaanni Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii isin hunda wajjin haa taʼu.] 
25Egaa Allaahan akka injiila koottii fi lallaba waaʼee Iisaa Al-Masiihiitti, akka mulʼata icciitii bara dheeraaf dhokfamee tureettis jabeessee isin dhaabuu ni dandaʼa;26amma garuu akka saboonni hundinuu Allaahatti amananii fi isaaf ajajamaniif icciitiin sun ajaja Allaah bara baraatiin katabbiiwwan nabiiʼiyyootaatiin ifatti baafameera; beeksifameeras.27Allaah kophaa isaa ogeessa taʼe sanaaf karaa Iisaa Al-Masiihiin ulfinni bara baraan haa taʼu! Ameen.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3