Mulʼata15

Malaʼikkoota Torba Kanneen Dhaʼichawwan Torba Harkaa Qaban

1Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa shamaayʼun keessattin arge; mallattoon kunis malaʼikkoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Allaaha isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.2Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Allaahan isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan.3Isaanis faarfannaa Muusaa garbicha Allaahatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan:“Yaa Allaah Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu,hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha.Yaa Mootii sabootaa,karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.4Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne,kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu?Si qofatu qulqulluudhaatii.Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef,saboonni hundinuu ni dhufu;fuula kee durattis ni sagadu.”
5Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni shamaayʼun jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname.6Mana qulqullummaa sana keessaas malaʼikkoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan.7Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Allaah isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman malaʼikkoota torbaniif kenne.8Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Allaaha keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban malaʼikkoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3