Zabuuriiwwan89

Maskiilii Eetaan Izraahichaa.

1Ani waaʼee araara Rabbii Allaah bara baraan nan faarfadha;afaan kootiinis amanamummaa kee dhaloota hundumatti nan labsa.2Akka araarri kee bara baraan jiraatu,akka ati amanamummaa kee shamaayʼun keessatti jabeessitee dhaabde nan labsa.
3Ati akkana jetteerta; “Ani filatamaa koo wajjin kakuu galeera;Daawud tajaajilaa kootiif illee akkana jedhee kakadheera;4‘Ani bara baraan sanyii kee nan dhaaba;teessoo kees dhaloota hundaaf nan cimsa.’ ”
5Rabbii Allaah, shamaayʼuniiwwan dinqii kee jaju;yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.6Shamaayʼun keessatti eenyutu Rabbii Allaahan qixxaachuu dandaʼa?Uumamawwan shamaayʼun keessaa kan Rabbii Allaah fakkaatu eenyu?7Allaahan waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama;warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.8Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu, kan akka keetii eenyu?Rabbii Allaah, ati jabaa dha; amanamummaan kees si marsa.
9Ati raafama galaanaa ni moota;yommuu dhaʼaan isaa jabaatus ni tasgabbeessita.10Akka warra qalamaniitti Raʼaabin bulleessite;irree kee jabaa sanaanis diinota kee ni bittinneessite.11Shamaayʼuniiwwan kan kee ti; laftis akkasuma kan kee ti;ati addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda hundeessiteerta.12Kaabaa fi kibba situ uume;Taaboorii fi Hermoon gammachuudhaan maqaa kee galateeffatu.13Ati irree jabaa qabda; harki kee jabaa dha;harki kee mirgaas ol kaʼeera.
14Qajeelummaa fi murtiin qajeelaan hundee teessoo keetii ti;araarrii fi amanamummaan fuula kee dura deemu.15Rabbii Allaah, warri siif ililchuu beekan,warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.16Isaan guyyaa guutuu maqaa keetiin gammadu;qajeelummaa keetiinis si jajatu.17Ati ulfina jabina isaanii ti;jaalala keetiinis gaanfa keenya ol qabdeerta.18Dhugumaan gaachanni keenya kan Rabbii Allaah ti;kan mootii keenya Qulqullicha Israaʼelii ti.
19Ati dur akkana jettee saba kee amanamaattimulʼataan dubbatteerta:“Ani loltuu tokkoof humna kenneera;dargaggeessa saba keessaa filatame tokkos ani ol guddiseera.20Ani garbicha koo Daawudin argadheera;zayitii koo qulqulluunis isa dibeera.21Harki koo isa wajjin jira;irreen koos isa jajjabeessa.22Diinni tokko iyyuu isa hin moʼatu;namni hamaanis isa hin hacuucu.23Amajaajota isaa fuula isaa duratti nan barbadeessa;warra isa jibbanis nan dhaʼa.24Amanamummaa fi araarri koo isa wajjin jiraata;gaanfi isaas maqaa kootiin ol jedha.25Ani harka isaa galaana irra,harka isaa mirgaas lageen irra nan kaaʼa.26Innis, ‘Ati Abbaa koo ti;Allaah koo ti, Kattaa Fayyina koo ti’ jedhee na waammata.27Anis ilma koo hangafa,kan mootota lafaa hundaa olii isa nan godha.28Jaalala koos bara baraan isaaf nan tursa;kakuun ani isa wajjin qabus hin cabu.29Hidda sanyii isaa bara baraan,teessoo isaa illee hamma shamaayʼuniiwwan jiraatanitti nan dhaaba.
30“Yoo ilmaan isaa seera koo eeguu didan,yoo isaan ajaja koo faana buʼuu baatan,31yoo isaan sirna koo cabsaniiajaja koo illee eeguu baatan,32ani cubbuu isaanii uleedhaan,yakka isaanii immoo qacceedhaan nan adaba;33ani garuu jaalala koo isa irraa hin fudhadhu;yookaan amanamummaa koo sobatti hin geeddaru.34Ani kakuu koo hin cabsu;yookaan waan afaan koo dubbates hin geeddaru.35Siʼa tokko yeroo hundaaf, qulqullina kootiin kakadheera;ani Daawudin hin sobu.36Sanyiin isaa bara baraan itti fufa;teessoon isaas akkuma aduu fuula koo dura jiraata;37akkuma jiʼaas bara baraan ni jiraata;hamma shamaayʼuniiwwan jiranittis cimee dhaabata.”
38Ati amma garuu isa dhiifteerta; tuffatteertas;isa dibde sanatti baayʼee aarteerta.39Kakuu tajaajilaa kee wajjin galte cabsiteerta;gonfoo isaas awwaara keessa buuftee xureessiteerta.40Dallaa isaa hunda caccabsiteerta;daʼoo isaa jajjabaas barbadeessiteerta.41Warri achiin darban hundi isa saamu;olloonni isaas itti qoosu.42Ati harka amajaajii isaa mirgaa ol qabdeerta;akka diinonni isaa hundi gammadan gooteerta.43Arfii goraadee isaa duubatti deebifteerta;waraana keessattis isa hin gargaarre.44Surraa isaa isa irraa balleessiteerta;teessoo isaas lafatti gatteerta.45Umurii dargaggummaa isaa gabaabsiteerta;qaaniidhaanis isa haguugdeerta.
46Rabbii Allaah, kun hamma yoomiitti?Ati bara baraan of dhoksitaa?Dheekkamsi kee hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?47Umuriin koo hammam akka gabaabaa taʼe yaadadhu.Ati badiisa akkamiitiif ilmaan namaa hunda uumte!48Utuu duʼa hin argin jiraachuu kan dandaʼuyookaan humna siiʼool jalaa of baasuu kan dandaʼu nama akkamii ti?49Yaa Gooftaa, jaalalli kee guddaan durii kan ati amanamummaa keetiinDaawudiif kakatte sun eessa jira?50Yaa Gooftaa, akkamitti akka tajaajilaan kee tuffatame,akkamitti akka ani arrabsoo saboota hundaa bobaatti baadhe yaadadhu;51yaa Rabbii Allaah, qoosaa diinonni kee natti qoosan,kan isaan ittiin tarkaanfii dibamaa keetii hundatti qoosan yaadadhu.
52Galanni bara baraan Rabbii Allaahaf haa taʼu!Ameen; Ameen.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3