Zabuuriiwwan84
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.
1Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,iddoon ati jiraattu akkam namatti tola!2Lubbuun koo oobdiiwwan Rabbii Allaah hawwiti;akka malees itti gaggabdi;onneen koo fi foon kooAllaah jiraataadhaaf ililleedhaan ni faarfatu.3Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,Mootii koo fi Allaah ko,iddoo aarsaa keetii biratti, dimbiitiin iddoo jireenyaa,girrisnis ofii isheetiif manʼee cuucii ishee keessa kaaʼattu argatti.4Warri mana kee keessa jiraatan eebbifamoo dha;isaan yeroo hundumaa si jajatuutii.5Warri sirraa jabina argatan,kanneen garaa isaaniitiin karaa kee yaadan eebbifamoo dha.6Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti,iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu;bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.7Isaan hamma Xiyoon keessatti fuula Allaaha duratti mulʼatanitti,jabina irraa gara jabinaatti ni darbu.8Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandeessu, duʼaa koo dhagaʼi;yaa Allaah Yaaʼikuub na dhaggeeffadhu.9Yaa Allaah, gara gaachana keenyaa ilaali;fuula dibamaa kee sanaas ilaali.10Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,eegduu balbala mana Allaah koo taʼuu naa wayya.11Rabbii Allaahan, Allaahan aduu fi gaachanaatii;Rabbii Allaahan surraa fi ulfina ni kenna;inni toloota waan gaarii hin dhowwatu.12Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,namni si amanatu eebbifamaa dha.Biblica, Inc.