Zabuuriiwwan82

Zabuurii Asaaf.

1Allaahan, waldaa waaqeffatamtootaa gidduu dhaabata;“waaqeffatamtoota” gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:
2“Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?3Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.4Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
5“Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.Isaan dukkana keessa jiraatu;hundeen lafaa hundinuu ni raafame.
6“Anis, ‘Isin, “waaqeffatamtoota;”hundi keessan ilmaan Allaah Waan Hundaa Olii ti’ jedheera.7Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu.”
8Yaa Allaah kaʼi; lafatti muri;sabni hundinuu kan keetiitii.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3