Zabuuriiwwan70
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawudi.
1Yaa Allaah, na fayyisuuf ariifadhu;yaa Rabbii Allaah, na gargaaruuf dafii kottu.2Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadanhundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;warri badii koo hawwan hundiqaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.3Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhanqaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.4Warri si barbaadan hundinuu garuusitti gammadanii haa ililchan;warri fayyisuu kee jaallatan,yeroo hunda, “Allaahan guddaa dha!” haa jedhan.5Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;yaa Allaah, dafii na qaqqabi.Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti;yaa Rabbii Allaah hin turin.Biblica, Inc.