Zabuuriiwwan65
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Yaa Allaah, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;wareegni keenyas siif galfama.2Yaa isa duʼaa namaa dhageessu,namni hundinuu gara kee ni dhufa.3Yeroo cubbuun na moʼattetti,ati yakka keenya nuu dhiifteerta.4Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniifofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!Nus waan gaarii mana keetiitiin,kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.5Yaa Allaah Fayyisaa keenya,ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita;daarii lafaa hundumaaf,galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;6ati humna uffatteerta;jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;7ati huursaa galaanaa,huursaa dhaʼaa bishaanii,raafama uummataas ni calʼisiifte.8Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu;ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti,akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.9Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta;akka malees ni gabbifta;akka namootaaf midhaan kennaniifislageen Allaaha bishaaniin guutamaniiru;ati kanumaaf qopheessiteertaatii.10Boʼoo isaa bishaan quubsita;biyyoo isaas wal qixxeessita;tiifuu bokkaatiinis ni jiifta;biqila isaas ni eebbifta.11Gaarummaa keetiin bara ni gonfita;daandiiwwan kees cooma coccobsu.12Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa;gaarranis gammachuudhaan guutamu.13Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu;sululoonni midhaaniin haguugamu;isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.Biblica, Inc.