Zabuuriiwwan53
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawudi.
1Gowwaan garaa isaatti, “Allaahan hin jiru” jedha.Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha;namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.2Allaahan yoo namni waa hubatu,kan Allaahas barbaadu tokko iyyuu jiraatearguuf jedhee,shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.3Hundinuu dogoggoraniiru;hundi isaaniis xuraaʼaniiru;namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru;tokkumti iyyuu hin jiru.4Warri hammina hojjetan,kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,warri Allaah hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?5Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti,sodaadhaan liqimfamaniiru.Allaahan lafee warra si marsanii ni bittinneessa;sababii Allaahan isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.6Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!Yommuu Allaahan saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,Yaaʼikuub haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!Biblica, Inc.