Zabuuriiwwan148

1Haalleluuyaa.Shamaayʼuniiwwan irraa Rabbii Allaah galateeffadhaa;ol gubbaatti isa galateeffadhaa.2malaʼikkoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa;raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.3Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa;urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.4Shamaayʼuniiwwan shamaayʼun isa galateeffadhaa;bishaanonni shamaayʼuniin ol jirtanis isa galateeffadhaa.5Isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.6Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera;seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.
7Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi,lafa irraa Rabbii Allaah galateeffadhaa;8bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi,bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,9tulluuwwanii fi gaarran hundinuu,mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,10bineensonnii fi loon hundinuu,uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,11mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu,ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,12dargaggoonnii fi shamarran,jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.
13Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii,isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;ulfinni isaas lafaa fi shamaayʼuniiwwanii ol jira.14Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera;kunis qulqulloota isaa hundaaf,saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina.Haalleluuyaa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3