Zabuuriiwwan140
Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Rabbii Allaah, namoota hamoo jalaa na baasi;namoota finciltoota2warra garaa isaanii keessatti hammina yaadaniiguyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.3Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.4Rabbii Allaah, harka hamootaa narraa eegi;namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.5Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.6Rabbii Allaah, ani, “Ati Allaah koo ti” siin nan jedha.Rabbii Allaah, waammata koo dhagaʼi.7Rabbii Allaah Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.8Rabbii Allaah, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.9Mataan warra na marsanii,hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.10Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;isaan ibiddatti illee haa darbataman;akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.11Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.12Rabbii Allaahan rakkattootaaf falmeehiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.13Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.Biblica, Inc.